Mormiin hawaasaa bifa haaraa ta’een godinaalee Oromiyaa bakka gara garaatti itti fufe.

Haaluma Kanaan Guyyaa har’aas Godina Booranaa Aanaa Miyoo Magaalaa Hiddii Lolaatti hiriirri mormii barattootaa fi jiraattota hirmaachise geggeeffamaa ooleera.

Kaayyoon hiriirri kun itti geggeeffameef sagaleen hawaasaa dhaga’amee rakkooleen yeroodhaa gara yerootti uummata oromoo irra gahaa jiran xiyyeeffannoo akka argatan gochuu akka ta’es beekameera.

Hiriira kana irratti Heyyamni Oomisha Warqee Laga dambii Dhaabbata MIDROC’f haaromfame haqamee Dhaabbatichi gadi lakkisee akka bahuu qabu jiraattonni gaafataniiru.

Rakkoon daangaan wal qabatee jiru furmaata akka argatuu fi Ajjeechaan Moyyaalee fi iddoowwan birootti uummata nagaa irratti raawwatamu dhaabbatee yakkamtootni seeratti akka dhiyeeffamaniif dhaadannooleen garaa garaa dhaga’amaa tureera.

Hiriira mormii har’a geggeeffameen wal qabatee miseensonni poolisii Oromiyaa Aanichatti argaman uummata irratti dhukaasa banuu, Reebicha raawwachuu fi namoota hidhaa akka turan dhaga’ameera.

Haaluma wal fakkaatuun Barattoonni Oromoo Yuunivarsitii Haromayaas guyyaa har’aa sagalee mormii akka dhageessisan beekameera.

Barattootni hiriira kana irratti miidhaa dhaabbanni warqee Medrok ganna 20’f Kibba Oromiyaa Godina Gujii keessatti Uummata irraan gahaa turee fi ajjeechaa uummata Oromoo irratti geggeeffamaa jiru balaaleeffataniiru.

Mormiin sababa miidhaa warshaan kun qaqqabsiiseen wal-qabatee dhohe Kutaalee Oromiyaa hedduu keessatti bifa hawaasa hirmaachiseen babal’ataa jira.

Mormii barattootaa kana humnaan bittinneessuuf humnoonni mootummaa tarkaanfii fudhataniin barattoota hedduu reebaa akka turanis odeeffannoon garagaraa ni mul’isa.

Barattoonni Oromoo kuma hedduutti tilmaaman mormii kana gaggeessaa turuun boodarra humnoota Poolisii Federaalaatiin akka bittineeffaman odeeffannoon ESAT’n qaqqabe ni mirkaneessa.

Kana malees Yunivarsitii Jimmaa keessattis hiriirri mormii wal fakkaatan barattootaan akka geggeeffame dhaga’ameera.