Hoogantoonni ol’aanoon Biyya Kooriyaa Kaabaa gara biyya Ameerikaa imaluun himame.

Jeneraal Kiim Yuung Chool hoogganaan Ol’aanaan biiya Kooriyaa Kaabaa biyya Ameerikaatti imaluun isaanii himameera.
Hooganaan biyya Kooriyaa Kaabaa wanti biyya Ameerikaa imalaniif haala wal’ga’ii biyya isaanii fii Ameerikaa irratti mare taasisuuf akka ta’e dhaga’amee jira.
Peresedaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp hoogganaan oli’aanaan biyya Kooriyaa Kaabaa Jeneraal Kiim Yuung Chool akka biyya Ameerikaa seenaa jiran fulla tuwiitara dhunfaa isaanii irratti guyyaa har’aa mirkaneeysaniiru.
Peresedaant Tiraamp koree Ameerikaa bakka bu’uun Jeneraal Kiim wajjiin maree geggeeysitu akka qindeeysanii jiran hubachiisanii jiru.
Hoogganaan Waajjiraa dame Tika biyya Kooriyaa Kaabaa durii Jeneraal Kiim Yuung Chool erga akka lakkoofsa warra faranjootaa bara 2000 asi imaltuun hoogantoota biyya Kooriyaa Kaabaa biyya Ameerikaa simatanii turanii kan amma kun kan duraa ta’uun himameera.
Jeneraal Kiim Yuung Chool imaltuu biyya Ameerikaatti tasisan keessatti Peresedaant Tiraamp wajjiin akka wal-argan barameera.
Wal-ga’iin akka lakkoofsa Faranjootaa Waxabajjii 12 bara 2018 biyya Siingaapoor keessatti Peresedaantii Ameerika fii Kooriyaa Kaabaa giddutti ni ta’a jedhamee eegamaa ture haqamee jira.
Haa ta’uu garuu, wal-ga’iin biro akka qindaawuuf biyyoonni lamaanuu ciminaan hojjataa akka jiran BBCn gabaaseera.
Biyyiti Kaaba Kooriyaa maree biyyoota lamaan wajjiin geggeeysiteen mi’a Niwluleeraa kanneen qabdu hir’isuu ibsuun buufata Shaakala Niwkuleeraa sadii dhoosuu gabaasuun keenya kan yaadatauudha.