Humni Raayyaa Ittisa Biyyaa Jeneraal Saamooraa Yaanus harkaa akka ba’aa jiru himame.

Odeeffannoon humna waraanaa akka ibsutti, humni waraanaa sadarkaa jeneraalotaa gadii jiran qaceelfama jeneraal Saamooraa Yuunis qindoomina jeneraalota 8tiin geggeeysaa jiru fudhacuuf fedha qabaachaa akka hin jirre himameera. Ajajaoonni humna waraana gadii jiran jijjarama dhufaa jiru waan deeggaraniif ajaja jeneraalonni gubbaa itti kennan didaa akka jiran ibsameera. Muummeen Miniateeraa Dr. Abyi Ahmad jijjiirama deemaa jiru yo caasaa humna waraanaa keeysatti hin ...

Read More »

Pirezidaantiin Afriikaa Kibbaa siriil Raamafoosaan walakkaa miindaasaanii Tola Ooltummaa Mandeellaaf akka arjooman beeksisan

Murteen Obbo Raamafoosaa taassisan kun tujaaronni biyyattii deggersa maallaqaa gochuun ijaarsa biyyaa keessatti ga’eesaanii akka gumaachan akka onnachiises beekame. Maallaqni Doolaara Ameerikaa kuma 130 Obbo Raamafoosaan arjooman kun harka dhaabbata gargaarsa Neelsan Mandeellaa Faawundeeshin jedhamu kan galu ta’a. Pirezidaant Raamafoosaan maallaqa Doolaara Ameerkaa miiliyoona 450 qabaachuudhaan tujaarota biyyattii keessatti ramadamu. Qeeqxonni Obbo Raamafoosaa garuu warra harka qalleeyyii qoollifatu jechuun komatu, ...

Read More »

Biyyiti Ameerikaa mare biyya Kooriyaa Kaabaa wajjiin godhuuf karoorfame haquun barame.

Biyyiti Kooriyaa Kaabaa dhimma Niwkuleeraa irratti dhiibbaa Ameerikaan irra keessuun kan wal-qabateen, wal-ga’iin Peresedaant Tiraamp wajjiin Kooriyaan Kaabaa qindeeyfatte ture akka haquu dandeeysu torbee kana keeysa hubachiifteera. Haaluma kanaan wal-ga’iin akka lakkoofsa Faranjootaa Waxabajjii 12 Siingaapoor keessatti Peresedaantii Ameerika fii Kooriyaa Kaabaa giddutti ni ta’a jedhamee eegamaa ture kan oduu ijoo adunyaa ture haqamee jira. Mare seena qabeeysa biyyoota lameenii ...

Read More »

Jilli Marii Adda Dimokratawa Oromoo Guyyaa Roobii Booru Finfinnee Galuun isaanii beekkame.

Jilli garee marii Adda Demokraasummaa Oromoo(ADO) guyyaa Roobii booru Finfinnee kan galu ta’uu Waajjirri Dhimmoota Koominikeeshinii Federaalaa ibsuu Televiziyoonni Fanaa Brood kaastii ibseera.. Hooggantoonni Adda Dimokraatawa Oromoo (ADO) hoogantoota Adda Bilisummaa Oromoo duraanii warra gaafa Chaartara Mootummaa cee’omsaa keessa ba’anii turan dabaltee magaala Finfinnee ni galu jedhameeti eegama. Jila marii Adda Dimokraatwa Oromoo kana irratti Obboo Leencoo Lataa, Obboo Leencoo ...

Read More »

Lolii Babaldhiifannaa lafa Ummata Wallo Aanaa Baatee irrat Hidhatoota Affariin Baname guyyaa Hardhaas cimee itti fufeera.

Weerarri Poolisoota humna addaa Naannoo Affaar waggaa tokkoo oliif daaangaalee Oromiyaa weeraraa turan guyyaa kaleessaa Aanaa Baatee weeraruun himame . Godina Walloo Aanaa baatee bakka Burqaa jedhamutti waraanni humna addaa naannoo Affaar meeshaalee gurguddoo hidhachuun Aanicha weeraruu jiraattoonni himan. Lolii kun guyyaa hardhas hidhatoota Affariin kalattii 4 kan gegeefamma jiru tahu jrattonni dirree lolaa irraa qooda fudhachaa jiran ibsuun, lola ...

Read More »

Jeneraalonni Adda Bilisa Baasaa Tigraay Jaarsoolee Bulchinsa Naannoo Soomaalee Iyyannaff Finfinnee Jiran Doorsisaa Jiraachuun Beekame.

Jaarsooleen bulchinsa naannoo soomaalee 150 ta’an rakkoolee naannoo irra ga’aa jiru irratti iyyannaa dhageessisuuf erga magaalaa Finfinnee seenan ji’a darbanii jiru. Jaarsoolen waajjiraa muummee ministeeraa deddeebi’anii dhaqaniis, hanga ammaa waajjiraa Dr. Abiy Ahmad qunnamuu hin dandeeny akkasumaas, qaamni mootummaa sirnaan isaan dubbise tokko hin jiru jedhama. Akka oduun ESAT dhaqqabeetti jaarsooleen bulchinsa Soomaalee haalota soda nageenyaa keessa akka jiran himamaa ...

Read More »

Pireezdaantiin Buruundii Hanga Bara 2034-tti Angoorra Akka Turan Murtaa’e.

Lammiwwan Burundii sagalee kennnaniin heera biyyattii fooyyessuun, akka prezidaant Pierre Nkurunziza hanga bara 2034-tti taayitaa irra turuu danda’an seera eyyamu sagalee kennuun mirkaneesaniiru. Koomishinniin filannoo Burundii, guyyaa Wiixataa akka beeksisetti, uummata biyyattii miliyoona 4.7 sagalee kenne keessaa dhibbantaan toorbaatamii sadii, akka heera biyyattii keessatti jijjiiramni yeroon muudama presedaantii biyyaa bara 5 ture haga muudama bara 7tti akka geeddaramu deggaruu ibsaniiru. ...

Read More »

Atleetonni Dorgommii Spoortiif Biyya Austraaliyaa Dhaqan 200 Biyyoota Gara Garaa Irraa Ta’an Koola Goltummaa Gaafatan.

Atleetonni ji’a Ebla wal-dorgommii spoortii Koman Welziif biyya Awustraaliyaa dhaqanii turan 200 oli biyya irraa dhufanitti yo deebi’an ta’e rakkoon nurra ga’a jechuun koola goltummaa buyya Awustraaliyaa gaafataniiru. Wal-dorgommii Ispoortii tan biyya Biritaaniyaa fii biyyoota Birittaniyaan gabroomfatanitti geggeeyfamtu irraa qooda fudhachuuf biyya Awustraaliyaa seenan kuma 8 keeysaa atleetonni 205 ta’an koola goltummaa gaafataniiru. Atleetonni 50 ga’an kanneen eyyamni yeroon itti ...

Read More »

Lammiin Oromoo qe’ee jireenyaa isanii keessaa buqqaasifamani godinaa Haragee bahaa Hammareysaa fii Dadar akkasumaas godinaa Baalee jiran komii dhiheessaa jiran..

Lammiileen Oromoo shira Wayyaaneefi bulchinsa naannoo Soomaaleetin qa’eefi qabeenya isaaniirraa buqqifamuun yeroof kaampiilee bulchinsa godina Harargee bahaa dadarii fii Hammareeysa akkasumaas Godinaa Baalee Gindhiir itti arkaman rakkoo keessa jiraachuu himamaa jira. Keessattuu qubattoonni ji’a 9 dura yeroof magaalaa Dadar qubsiifaman rakkoo nyaataafi dhugaatii akkasuma tajaajila gahaa dhabuu komachurratti arkaman. Qubattoonni Dadar qubsiifaman lammiilee Oromoo warra deegarsa isaaniif godhaa turan galatoofachuun, ...

Read More »

Saa’ud Arabiyaan Hidhamtoota lammiilee Itiyoophiyaa hiikuuf akka murteessite beekame.

Mootummaan Saawudii lammiilee Itoophiyaa mana hidhaatti argaman gadhiisuuf qophaa’oodha jedhe. Waajjirri Dhimmoota Komunikeeshinii motummaa federaalaa Itoophiyaa akka beeksisaniitti, mootummaan Saawudii lammiilee Itoophiyaa to’annaa jala oolche hedduu gadhiisuudhaaf qophaa’aadha jechuun ibsee jira. . Ministeerri Muummee Dr Abiy Ahimad afeerraa mootii Saawudii Salmaan Biin Abdulaziiziin taassifameen wayita ammaa kanatti daawwannaa irra jiru. Ragaaleen akka mul’isanitti, lammiileen Itoophiyaa kuma 100 ol ta’an heyyama ...

Read More »