Aaddee Azeeb Masfin haati warra Muummee Ministeera durii Mallas Zeenaawii miseensa Boordii Meeteek ta’uun muudaman.

Dhaabbanni gamtoomaa sibiilaafii Inginariingii Meeteek jedhamu kan baajeta mootummaa birrii biliyoona 10niin ijaarame dhaabbata malammaltummaan keeysatti geggeeffamu akka ta’etti qeeqamaa jira.

Hoogganaan dhaaba Meeteek kan ture Jeneraal Kinfee Daanyee miseensa dhaaba bilisa baasaa Tigraay ture.

Dhiheenya Jeneraal Kinfee Kidaanee fedhinnaan angoo dhiisan jechuun bakka isaanii ministeera Warshaa kan turan Dr. Baqqalaa Bulaadoo muudamaniiru.

Dhaabbanni MEETEEK kun karoora hojii warshaa Sukkaaraa wajjiin hidhta qabaachuun horii baayyee balleeysuun waan beekkameef mana mare federaalttiis gaaffii gara garaa kaafamuun beekkama.

Meeteek dhaabbata mootummaa ta’uun bekkamuus gareen hooggantu kontiraata hojii Meeteekiif kennamu gara dhaabbata Effart dabarsuun warshaaleen dhaaba bilisa baasaa Tigraay akka babal’isaa turn gabaafamaa ture.

Muudamni haarawni muummeen Ministeera Dr. Abyi Ahmad muudan karoora hojii warshaa Meeteek dhunfaa dhaaba bilisa baasaa Tigraay jalaa akka baasuuf eegamaa turuus, dhaabbata Meeteek itti miseensa Boordii ta’anii muudamuun aaddee Azeeb Masfin fii obboo Asmallaash Walda Sillaasee shakkii guddaa keeysa hawaasa galchee jira.

Yeroo Ammaa aaddee Azeeb Masfin fii Obboo Asmallaash Wald Sillaasee miseensa Boordii Meeteek ta’uun muudamuun lammiilee biyyatti biratti raajii ta’ee jira.

Aaddee Azeeb masfin kan koree huji raawwachiiftuu dhaaba bilisa baasaa tigraay keeysaa mulqamte muudamuun ishee waan hin eegamin ta’uun dubbatameera.