Gaazeexxeessa Iskindir Naggaa Goota Pireesii Addunyaa bara 2017 jedhamuun filatameera

Institiyuutiin Pireesii Addunyaa Gargaarsa Miidiyaa Addunyaa wajjiin ta’un Gaazeexxeessa Iskindiir Naggaa Goota Pireesii bara 2017 jechuun moggaseera.
Dhaabbaatiichi ibsa gaafa kibxataa baaseen badhaasa gaazeexxestoota addunyaa yaada isaanii obsa daangaa hin qabneen bilisaan ibsachuuf kutannoo cimaa qabaniif kennu kan bara 2017 gaazeexxeessa Iskindiir Naggaa akka filatame beeksiiseera .
Gaazeexxeessa Iskindiir Naggaa waggoota jahan darbaniif mana hidhaa kan jiru yoo ta’u, erga guyyaa qabamee hidhameetti jalqabee dhaabbilee mirga namaa fi bilisummaa dhaabbilee miidiyaatiif falmaniin badhaasni kabajaa badhafamu cimee itti fufeera.
Dhaabbanni Peen Amrikaa jedhamu akka lakkofsa warra faranjoota bara 2012 gaazexxeessa Iskindiir Naggaa badhaaseera.
Sirni badhaasa kuniis bakka haati mana isaa gaazeexxeestuu Sarkalaam Faasiil argamtetti magaalaa Newyork muuziyeemii Saayinsiitti raawwatamuun ni yaadatama.
Bifuma walfakkatuun dhaabbaanni Human Right Watch gaazeexxestoota Itoophiyaa biroo wajjiin kan badhaase yoo ta’u, waldaan Gaazeexxestoota fi maxxansitoota teessoo isaa biyyaa Xaaliyaanii ta’ees badhaasee ture .
Sirni badhaasa Goota Pireesii bara 2017 jechuun Inistitiyuutiin Pireesii Addunyaa gaazeexxeessa Iskindiir Naggaatiif qopheesse kun caamsaa 10 bara 2009 biyyaa Jarmaan magaalaa Hamburgiitti akka raawwatamu himameera.
Gaazeexxeessa Iskindiir Naggaa fulbaana 3 bara 2004 gara mana hidhaatti kan darbame yoo ta’u, hidhaan waggaa 18 itti murteeffame ni yaadatama.
Waggoota jahan darbaaniif mana hidhaa kan jiru gaazeexxeessa Iskindiir Naggaa dhaabbiilee addunyaa mirga namaa fi gaazexxeestootaaf falaman dabalatee mootummaan Amerikaa gaazeexxeessa walabummaa Pireesiif jecha hidhame jechuun dinqisifameera.
Ministiirri Dhimma Alaa Amerikaa duraanii Joon Keeriin fakkenya obsa cimaa jechuun Gaazexxeessa Iskindiir Naggaa dinqisifachuun isaanii ni yaadatama.