Mootummaan Itoophiyaa Namoota maatiin isaanii loltoota mootummaan jala ajjeeffaman galma’aanii beenya akka argataniif kakasuun akka jalqabame dhaga’ameera

Mormii Ummataa wajjiin walqabatee bakka tokko tokkootti loltoonni mootummaa tarkaniiffii humna oliitti fayyadamuun namoota nagaa akka ajjeessan Komishinii mirga namoomaa Itoophiyaa gabaasa baaseen beeksiisuun isaa ni yaadatama.
Komishiniichi humnoonni mootummaa tarkaniiffii seeraa oliitti fayyadamuun namoota ajjeessani seeraatti akka dhiyaataniis hubachiiseera.
Mootummaan ajajoota loltoota mootummaa fi pooliisii federaalaa yakkaa ajjeecha kana raawwatan seeraan akka hin gaafatamneefi yakka kanarra bilisa gochuun hoggantoota milishoota naannoo himachuuf abukaatoonni akka bitaman himameera.
Odeffaannoo magaalaa Bahaar-Daar ESAT qaqqabe akka mul’isuutti, qondaltoonni mootummaa ajjeecha jirattoota magaalatti irratti raawwatameen maatiiwwaan namni isaanii loltootan jala ajjeeffame galmeessaa jiru.
Yakkaa ajjeechaa kana miseensoota paartii Samayaawwii, hidhattoota naannoo fi dargaggoota yeroo sani qabamanii hanga amma mana hidhaa keessa jiraniitu itti gaafatama jechuun maatii namni isaanii jala ajjeeffameetti hima jiru jedhameera.
Hidhattoonni naannoo tarkaniiffii humna oliitti fayyadamaniiru jechuun miseensoonni paartii naannoo Amaaraa bulcha jiru mana namoota maatii isaanii jala ajjeeffame irra deemuun guca mallatteesisaa akka jiran himameera.
Namoonni miseensi maatii isaanii jala ajjeeffamees mana murtiitti argamanii ragaa akka bahan gaafatamaniiru.
Komishiniin mirga namoomaa nannie loltoonni mootummaa tarkaniiffii humna olii fayyadamaniiru ittin jedhee adda baasee hundaatti gocha kana hidhattoonni gandaa akka raawwatan fakkeessuuf hojjatama jira jedhameera.
Gochi kun immoo ajajoota loltoota mootummaa fi pooliisii federaalaa yakkii ajjeechaa akka raawwatamuuf olantummaan ajajaa turan itti gaafatamummaa seeraa jala baasuuf karoorfamee akka ta’e himameera.
Ajajoonni loltoota mootummaa fi pooliisii federaalaa yakka kana raawwachaa turan miseensoota waayyaannee waan ta’aniif kara kamuun itti gaafatamummaa seeraa jala baasuuf yaaliin taasifama akka jiru beekameera.
Keessaattu erga labsiin yeroo hatattamaa labsame booda naannoo Oromiyaa fi Amaaraa miseensoonni wayyaannee olntummaan bulchaa jiru jedhameera.
Komishiniin Mirga naamoomaa Itoophiyaa yakka ajjeechaa loltoota mootumma erga labsiin yeroo hatattamaa labsamee booda haala sukkaneessan raawwatamaa ture hin gabaasne jedhameera.
Labsiin yeroo hatattama erga labsamee guyyaa laman booda godina Arsii Aanaa Shirkaa magaalaa Gobeessa ganda 01 keessatti mana tokko keessa obboolewwaan sadii loltoota mootummaan ajjeeffamun isaanii ni yaadatama.