Godina Shawaa Lixaa Aanaa Calliyaatti Ijaarsi daandii jalqabame ture waan giduutti dhaabbateef jirattoonni komataniiru.

Godina Shawaa Lixaa aanaa Calliyaatti ijaarsi daandii aspaaltii magaalaa Geedoo hanga Mana Beenyaa bara kana ni xumurama jedhame ture.
Ijaarsi daandii aspaaltii Geedoo- Mana Beenyaa kun waggoota sadii dura wayita jalqabamu bara kana keessa xumurame tajaajila akka kennu hmamee ture.
Yaa ta’u malee, ijaarsi daandichaa wadhakaadhaa osoo hin geenye gidduutti waan dhaabbateef rakkoo geejibaa hammeessuusa jirattoonni naanniichaa himaniiru.
Daandii Aspaaltii Kiilo meetira 80 dheeratu kana birrii biiliyoona 1.2 kan hojjachiisisuu Abbaa Taayitaa Daandiwwanii Itiyoophiyaa akka ta’es miidiyaan biyyaa keessa tokko gabaaseera.
Daandii kana ijaaruuf kontiraktaarri biyyaa alaa Hawak jedhamu hojii jalqabe akka ture ian yaadatamudha.
Kontiraktariichii ijaarsa daandiichaa erga jalqabe bakka adda addaatti qotee booda ijaarsiich osoo hin xumuramne hafuusa jirattoonni komataniiru.
Magaalaa Geedoo bakka adda addaatti ijaarsa daandiin kanatiif waan qotamteef konkolaataa fi namoota lafoo deemaaniif rakkoo cimaa akka ta’es jiraattoonni beeksiisaniiru.
Daandiin kun qotamee xumuramuu waan hin dandeenyeef bishaan dhugaatii magaalaa Geedoof maallaqa hedduun qotamee bahe sarara ujummootiin jiraattoota biraan gahuuf gufuu akka ta’e himameera.
Ijaarsi daandii Aspaaltii Geedoo hanga Mana Beenyaa kun jalqabamee waan addaan citeef tajaajila geejibaa rakkoof saaxileera.
Ijaarsi daandii bakka adda addaatti waan addaan cicciteef konkolaachistooni meeshaa konkolaataa miidhaa jechuun konkalchiisuuf fedhii waan hin qabneef jirattoonni geejibaa dhabanii rakkachaa jiruus jedhameera.
Abbaan Taayitaa Daandiiwwanii Ityoophiyaatti hanqina dandeetti kontiraktaaraa fi qabeenya namoota dhunfaa yeroon kaasuun waan hin danda’amneef ijaarsi daandii kun akka harkifatuuf akka gumaache beeksiiseera.
Hanqinaa Dandeetti kontiraktaara ijaarsa daandichaaf wayita sanada dhiyeeffate siriitti xinxaluun calaluun osoo danda’amu waggoota sadiin booda akka sababatti dhiyeessuun maaliif akka ta’e gaaffii uumeera.
Abbaa Taayitaa Daandiwwanii Aanaa Calliyaa Obboo Gazzaahagn Fiqaaduu gamasantiin, dhimmi qabeenya yeroodhaan kaasuu kun itti qabannaadhaaf sababa dhiyeete jedhan.
Bakka rakkoon qabeenya yeroon kaasuu hin jireetti ijaarsi daandii addaan citee akka jiru dubbataniiru.
Ijaarsi daandii kun bara kana xumuramee ummataaf tajaajilaa ni kenna kan jedhame ta’us raawwiin hanga amma jiru wadhakaa gadi jedhameera.
Yeroo ammaa immoo hojii ijaarsa daandii Magaalaa Geedoo hanga Mana Beenyaa gutumaatti hojjatamaa akka hin jire jirattoonni beeksiisaniiru.