Magaalaa Gondoor keessaatti yeroo adda addaa dhohaatii boombii hordofuun lammiileen Amerikaan gara magaalaatti imalan ofi-eegaannoo gochuu akka qaban akeekkachistee jirti

Magaalaa Gondooriitti ji’a kana qofa yeroo afur boombiin harkaa akka dhowee Imbaasiin Amerikaa magaalaa Finfinnee jiru mirkaneesseera. Haala kanas dhiyeenyaatti hordofaa akka jiru beeksiiseera.
Guyyoota laman dura naannoo turistoonni haara itti galfatan tokkootti haleellaan boombii raawwatamee akka ture jirattoonni magaalaatrti himaniiru.
Boombii magaalaa Gondoor keessatti yeroo gara gara dhowaa jiru kanan namoonni lakkofsi isaanii hin beekamne miidhaan irra gahaa akka jiru Imbaasiin Amerikaa gocha kana ilaalchisuun hubachiisa imaltummaa toora Interneetii irratti baaseen beeksiiseera.
lammiileen Amerikaa magaala Gondoor jiranii fi garas deemuuf fedhii kan qaban hundi haala yeroo hubachuun of-eeguu akka qaban Imbaasiichi akeekkachiseera.
Labsii yeroo hatattamaa mootummaan Itoophiyaa labse booda lammiilleen Amerikaa gara Itoophiyaa akka hin imaleef mootummaan biyyaatti hubachiisa akka ture ni yaadatama.
Bifuma walfakkatuun torbe darbe Ministeerri Dhimma Alaa Biiriteen lammiileen biyyaatti gara itoophiyaa wayita imalan of-eeguu akka qaban hubachiise ture.
Mootummaan Amerikaa fi Biiriteen boombii magaalaa Bahaar-daar fi Gondoriitti dhohee hordofuun lammiilee isaanii akeekkachisan ilaalchisee mootummaa Itoophiyaa deebii kenne hin jiru.
Mormii Ummaata Eenyummaa walqaayiit wajjiin walqabatee jalqabeen naannichaatti tasgabbiin nageenya akka hin jire jirattoonni beeksiisaniiru