Kaampaaniin biyyaa Ingliizii naannoo Oromiyaa Oomisha Albuuda Sookkoo etyma invastimantii fudhate tokko namoota baay’ee qa’ee isaaniirra buqqisuun bakka bira qubachiisuuf kophiirra akka jiru beeksiiseera.

Kampaaniin biyyaa Ingliizii Kaafaa Miniraal jedhamu waliigaltee waggaa tokkoon dura mootummaa wajjiin mallatteesseen Oomisha albuuda Sookoo irratti bobba’uuf qophii xunureera.
Kampaaniich naannoo Oromiyaa Godina Wallaaggaa Lixaa ganda Tulluu Qaabiitti lafa bali’aa Oomisha Sookkootiif waggoota 20f fudhateera.
Pirojektiin Oomisha Sookkoo kun ji’oota muraasa dhufan keessa akka jalqabamu kampaaniich beeksiiseera.
Namoota baay’ee lafa kampaaniichaaf kenname kana irra jiraatan bakka biraatti qubachiisuuf mootummaa Itoophiyaa wajjiin hojjachaa akka jirus himeera.
Namoonni qa’ee isaniirra akka buqqa’aan taasifaman kunniin beenyaa gahaa akka argataniif qondaltoota mootummaa wajjiin mari’achaa akka jiran hogganaan kampaniichaa Haarii Adaamis dubbataniiru.
Qondaltoonni mootummaa naannoo fi federaalaa Invastimantii Oomisha Sookkoo kanaaf Abootiin warraa meeqaa qa’ee isaaniirra akka buqqa’aan waan dubbatan hin jiru.
Kampaniichi garuu namoota naannoo 500 leenjisee carraa hojii uumuuf karoora akka qabu dubbatus namoonni meeqa qa’ee isaniirra akka buqqa’an hin himne jedhameera.
Kampaniin Albuudaa sookkoo Oomishuuf qophiirra jiru kun waggoota 13 dhufanitti Sookkoo kiilgiraamaa kuma 27 Oomishuuf karoora akka qabu beeksiiseera.
Torbee kana keessa Sookkoon Kilogiraamiin tokko dolaarii kuma 40 akka ta’e ragaaleen ni mul’isu.
Kampaniichi Pirojektii kana jalqabuuf gahee aksiyoonii dolaarii miiliyoona 100 waliitti qaba kan ture yoo ta’u, labsii yeroo hatattamaa labsameen hojiicha turee jalqabuuf akka dirqame dhiyeenya beeksiiseera.
Kampaanii biyyaa xaaliyaanii tokko akka lakkofsa warra faranjoora bara 1030n keessa naannodhuma kanatti kuusaa Albuuda sookkoo xdiqqoo oomishuu jalqabee akka ture hubatameera.