Komishinaariin Mirga Namoomaa Mootummoota Gamtomaanii Itoophiyaa Daawwachuuf akka ta’e himameeera.

Komishinaariin Mirga Namoomaa Mootummoota Gamtomaanii Zayiid Raadii Al-Huseen torbee dhufu keessa Itoophiyaa akka daawwatan komishiniichi ibsa baaseen beeksiiseera.
Mormii Ummata Oromoo waggaa tokko oliif ture wajjiin walqabatee loltoonni mootummaa tarkaniiffii humna ol fayyadamuun lammiilee nagaa ajjeessan jechuun komishinaariich balaleeffachaa turaniiru.
Ajjeecha fi dhiittaa mirgaa namoomaa loltoonni mootummaa raawwatan kun qaama bilisaan akka qulqulleeffamu Komishiniin Mirga Namoomaa Mootummoota Gamtomaanii gaafacha tureera.
Gamtaan Awurooppaa , Mootummaan Amerikaa fi dhaabbileen mirga namaaf falman yakkii kun qaama walabaatiin akka qulqulleeffamuuf gaaffii dhiyeessa akka turan kan yaadatamudha.
Mootummaan Itoophiyaa gamasatiin, gaaffii qaama walabaatiin akka qulqulleeffamuf dhiyaate kana fudhachuu dideera.
Komishiniin Mirga namoomaa Mootummaa Itoophiyaa dhimmaa kana ilaalchisee qorannoo qoradhe jedheen mormii ummataa wajjiin walqabatee naannoolee sadi keessatti namoonni 669 akka ajjeeffaman gabaaseera.
Gabaasni Komishiniichaa Adoleessa bara 2008 hanga Fulbaana bara 2009 qofa kan qorate yoo ta’u , Mootummaan qorannoo kun osoo hin jalqabiin dura namoonni 113 akka ajjeeffaman beeksiise ture.
Dhaabbilee sadarkaa addunyaatti mirga namoomaa falmaan qorannoo qaama bilisaan osoo gaggeffame fudhatama qaba jechuun mormaniiru
Komishinaariin Mirga namoomaa mootummoota gamtomaanii daawwannaa isaanii kanan qondaltoota mootummaa Itoophiyaa wajjiin waa’ee mirga namoomaa ilaalchisuun ni mari’atu jedhameera.
Komishinariichi qondaltoota Itoophiyaa malees hoggantoota gamtaa Afriikaa , paartiilee siyaasa,fi dhaabbiilee Siivil wajjiin akka mari’atan himameera.