Kaadhimamaan Filannoo Pirezedantummaa Keeniyaa Raaylaa Odiingaa filannoo Pirezedantummaa biyyaatti irratti akka hin hirmaane beeksisaan

Hogganaan paartii mormituu fi Kaadhimamaan filannoo Pirezedantummaa Keeniyaa Raaylaa Oodiigaa filannoo preezdaantummaa biyyattii keessaa ba’uuf akka murteessan beeksisan. .
Boordiin Filannoo Biyyaatti yeroo argatee jijjirama adda adda hojiirra oolchun filannoo haqa qabeessa akka filachiisuuf kaadhamummaa Filaannoo Pirezedantummaa biyyaatti keessa akka bahan himaniiru.
Filannoo Pirezedantummaa kanan dura tasifameen Pirezedaant Uhuuruu Keenyattaa injifachuusaanii Komishiniin Filannoo Biyyaatti beeksisuun ni yaadatama.
Yaa ta’u malee, kadhimaam filannoo Pirezedantummaa fi hogganaan Paartii Mormituu Keeniyaa Raayiilaa Odiingaa filanniichi waan burjaja’eef bu’aa filannoo hin fudhu jechun mana murtii olaanootti iyyaatan ture.
Manni Murtii Olaanaa Keeniyaa dhimmicha ilaalun bu’aan filannoo Uhuuruu Keenyaatta akka injifatan labsame ture haqamee filannoo biroo akka gaggeeffamu murteesse ture
Manni Murtichaa filannoo kanaan dura filatamee ture haqa qabeessa kan hin turee fi rakko adda addaa qaba ittin jedheera.
Filannoon Pirezedantummaa keeniyaa kun akka lakkofsa warra faranjoota onkololeessa 26 irra deebii akka filatamu komishiniin Boordii Filannoo Biyyaatti beeksiseera.
Kaadhimaman filannoo Pirezedantummaa fi hogganaan Paartii Mormituu Raayiilaa Odiingaa filanniich ammaas haqa qabeessaa fi iftomiina waan hin qabneef irratti hin hirmaadhu jedhaniiru.