Mootummaan Itoophiyaa fi Sudaan Maallaqaa biyyaa isaaniitti fayyadamuun wajjiin Daldaluf waliigalan

Itoophiyaa fi Sudaan maallaqa biyyaa isaaniitti fayyadamuun walitti dhufeenya daldalaa qaban itti fufisisuuf walii galaniiru.
Waliigalteen daldala maallaqa biyyaa ofiitti fayyadamu kun waggoota 3f akka turu himameera.
Waliigalteen Maallaqa biyya ofiitti fayyadamuu kana biyyoonni Ollaa hanqina sharafa biyyaa alaa qabanii fi ilaalcha Siyaasan walfakkatan akka wajjiin mallatteessan ogessoonni Diinagdee dubbataniiru
Mootummaan Itoophiyaa rakkoo sharafa alaa qabu itti fufinsaan kan furuuf ta’uu baatuus, waliigaltee maallaqa biyyaa ofiitti fayyadamuu Sudaan wajjiin mallatteesseera.
Biyyoonni yeroo baay’ee waliigaltee maallaqa biyyaa ofiitti fayyadamu mallatteessan kan mootummoota abba irreen bulanii fi rakkoo sharafa biyyaa alaa kan qaban akka ta’aan ogeessi diinagdee Doktor Zalaalaam Takluu beeksisaniiru
Akka ibsa ogeesii diinagdee kun jedhaniti, Waliigalteen Biyyoonni lamaan maallaqa ofiitti fayyadamuuf irra gahan kun irra caalaan mootummaa Sudaan kan fayyaduu dhaa.
Biyyoonni lamaan gara fulduraatti baankii itoophiyaa sudaan keessaati , baankii sudaanimmoo itoophiyaa keessati banuuf karoora akka qabaniis himameera
Waliigalteen mootummaan Itoophiyaa Sudaan wajjiin irra gahe kun rakkoo sharafa alaa dhibbentaa tokkoon akka hin fureef ogeessi diinagdee Dr Zalaalaam dubbatan.
Waliigalteen kun faayedaa lafaa Sudaan Itoophiyaa irra argatu wajjiin hidhata kan qabu fi waliigaltee Siyaasaa akka ta’ees himaniiru
Kanumaan wal qabatee, Mootummaan Itoophiyaa dhaabbiilee maallaqa Addunyaa gara garaarra liqii argachuuf jechu humna bittaa birrii hir’isaa akka jiru himameera