Naannoo Oromiyaa Sirna Bulchiinsa Dargii deebisuuf yaalaa jira jechun Mootummaan Naannoo Sumaalee himate.

Bulchiinsi Mootummaa naannoo Sumaalee haala yeroo iirratti waltajii marii jaarsoolii biyyaa wajjiin magaala Jigjigaatti gaggeessen, mootummaa naannoo Oromiyaa daangaa babal’ifachuuf jecha weerara akka labse beeksiseera
Sirni Federaliziimii Itoophiyaa Afaan irratti hunda’ee balaaf akka saaxilame mootummaan naannoo Sumaalee waltajjii marii jaarsoolii biyyaa booda ibsa baaseen himeera.
Walitti bu’iinsi daangaa Oromiyaa fi naannoo Sumaalee mootummaan federaalaa waan gidduu seeneef tasgaba’ee jedhamuus haali jiru garuu cimee itti fufeera.
Qondaltoonni mootummaa naannoo Sumalee fi jaarsooliin biyyaa haala yeroo irratti erga mari’ atanii booda ibsa baasaniin Bulchiinsi mootummaa naannoo Oromiyaa weeraraa fi kan nama ajjeessu jechuu dhaan balaleffataniiru jedhameera..
Waltajjii marii jaarsoolii biyyaa naannoo Sumaalee kana Pirezedaantiin naanniichaa Abdii Mahammadii Giilee fi Hogganaan Biiroo dhimmoota komunikeshiinii Idriis Isamaa’eel wal gahii kan irrat yemmuu dubbatan,
Hoggansi bulchiinsa mootummaa Oromiyaa daangaa babal’ifachuu fi sirna Federaliziimii Itoophiyaan yeroo amma hordoftu diiguun sirna dargii deebiisuuf yaalaa jira jechuudhaan himachuun jaraa dhagahameera.
Iti dabaludhaanis ,Qondaltoonni Mootummaa naannoo Oromiyaa daangaa Sumaalee weerara kan jiran Buufata doonii argachuu fi meeshaa waaranaa gara biyyaa keessa galchuuf jechun mootummaan naannoo Sumaalee ibsa baaseera
Qondaltoonni Mootummaa naannoo Oromiyaa weeratoota kaayyoo daangaa babal’ifachuu qaban ibsa jedhuf, lolli magaala Mii’eessoo irratti baname ture kaayyoo maal qaba jechun xinxaltoonni siyaasa ibsa mootummaa naannoo Sumaalee kana qeeqaniiru.