Godina Iluu-Abbaa-Booraa magaalaa Mattuutti Tikoonni waayyaannee jirattoota hiriiraf kakasaa turan to’aannoo jala oolfman.

Tikooni fi Jeneraloonni waayyaannee fayeedan dhuunfaa isaanii jala xuqame naannoo Oromiyaa dirree jeequmsaa fi gaddaa gochuf akka saree maarate oliif gadi fiigaa jiru. Tikoonni waayyaannee kunnin tibbaa darbee Godinaa Buunnoo Bedellee aanaalee muraasa keessatti maqaa hiriira mormii jedhun ummataa Amaaraa fi Oromoo jalaala fi kabajaan waggoota heddu wajjiin jiraacha ture walitti buusuuf yaalaaniiru Ammaa immoo Godinaa Iluu-Abbaa -Booraa magaalaa Mattuutti ...

Read More »

Godina Buunoo Beddelleetti hiriiri mormii gara jeequmsatti jijjiiramun lubbuu namoota galafateera.

Naannoo Oromiyaa Godina Buunoo Beddellee aanaalee Deeggaa fi Coorraa keessatti hiriiri mormii tibba darbe ture gara jeequmsaatti jijjiiramun namooni baay’een qe’ee isaniirra akka buqqa’anii fi qabeenya heddu akka barbada’uu gochuusa, akkasumas lubbuu namoota 10 olii galafachuun isaa himameera . Hiriira Mormii tikooni mootummaa waayyaannee gara jeequmsaatti jijjiiruun saba Oromoo fi Amaaraa waggaata hedduu jalaala fi tokkummaan wajjiin jiraacha ture walitti ...

Read More »

Kaartaan Itoophiyaa yeroo amma hojiirra jiru qaama dhimmi ilaalun kan hin raggane jedhame.

Kaartaan Itoophiyaa yeroo amma hojiirra jiru qaama dhimmi ilaallatuun kan hin ragganee fi hojii bulchiinsa qofaf hojiira ooluu akka danda’u mootummaan beeksiseera. Birood kaastiingiin Itoophiyaa yeroo sadaffaaf kaartaa Itoophiyaa dogongora qabutti fayyadamuu isaa amanun dhiifama gaafachun ni yaadatama. Dhaabbatichi kaartaa dogongoraatti fayyadamu ilaalachisee oduu dhiifama gaafateen, kaartaan Itoophiyaa yeroo amma hojiirra jiru qaama dhimmi ilaalun akka hin raggane gabaaseera Hogganaan ...

Read More »

Doktor Teedroos Adahanoom aangoo isaanii akka gadhiisaniif dhiibbaan itti Baay’ateera.

Hogganaan Dhaabbata Fayyaa addunyaa Mootummoota Gamatomaanii Doktor Teedroos Adahanoom Pirezedaantii Zimbabuuwwee Roobart Mugaabee Ambasaddaara tola ooltummaa gochun filchuun komii fi mormii kaaseera. Dippilomatoonni biyyoota dhihaa, miidiyaalee fi dhaabbilee mirga namoomaaf sadarkaa addunyaatti morman filannoo Dr Teedroos Adahanoom mormaniiru. Dr Teedroos mormii cimaan hawaasa gara garaa booda muudama Ambasaddaara tola ooltummaa Roobart Mugaabee kennan kana hatattamaan haqaniiru. Doktoor Teedroos Hogganaa Dhaabbata ...

Read More »

Obboo Baqqalaa Garbaa Ol-Iyyaannoo Mirga Wabii Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti dhiyeeffatan

Manni murtii olaanoo Federaalaa itti-aanaa hogganaa Kongiraas Federalaawa Oromoo obboo Baqqalaa Garbaa yakka Shorokeessummaa galmee obboo Gurmeessaa Ayyaannoo jalatti ittin himatamanirra bilisa tasisee yakkaa idileen akka himataman kan murteesse ta’uun isaa waan yaadatamudha. yakki idilee kun immoo mirgaa wabii kan dhoorkachiisu waan hintaaneef Haaluma kanan obboo Baqqalaa Garbaa Mirgii wabii akka isaaniif kabajamu kara abukatoo isaaniin mana murticha gaafatan turan. ...

Read More »

Atleetonni fi Leenjistoonni Oromoo lammiilee naannoo Sumaaleeti buqqa’anii godina Harargee Bahaa qubatan daawwataniiru

Atleetotaa fi leenjistootni lammiilee buqqa’aani qaamaan dhaqanii daawwatan kunniin Atleet Daraartuu Tulluu, Atleet Ibraahim Jeylaan ,Atleet Yoomif Qajeelchaa ,Atleet Maarqos Gannatii, Atleet koloneel Imaanaa Margaa fa’a jedhameera. Akkasumas, Atleet Tamesgen Namee ,Atleet Geexee Waamii, Atleet Hajii Adilo Atleet Amaan Waxxe, Atleet Roobaa Gaarii , Atleet Belaynesh Oljirraa ,Atleet Markabuu Biqee, Leenjisaa Huseen Shiboo fi Leenjisaa Toleraa Dinqaa keessatti akka argaman ...

Read More »

Manni Murtii Olaanoo Godina Harargee Lixaa Namoota Seeraan Ala Dolaarii Amerikaa Osoo naanneessan keellaa Bordoddeetti qabaman irratti adabii hidhaa murteesse.

Yakkamtoonni laman dolaarii Amerikaa kuma dhibba shanii fi kuma 41 fi 771 seeraan ala osoo dabarsuuf yaalan Keellaa Bordoddeerratti Pooliisii Oromiyaan to’aanno jala oluun sanii ni yaadatama. Manni Murtii Ol’aanaa Godina Harargee Lixaa dhimma yakkamtoota lamaan keellaa Bordoddeerratti to’aannoo jala oolfamanii ilaala turun murtii adabii hidhaa itti murteesseera. Haaluma kanan obboo Habaanee Arab Nuur hidhaa waggaa 8 fi Birrii kuma ...

Read More »

Ijipt Ijaarsa Pirojektii Hidha laga abbayyaa guffachiisuuf yaalaa jirti jechun Itoophiyaan himate.

Ijipt ijaarsa pirojektii hidhaa laga Abbaayyaa irratti ijaarama jiru guffachiisuuf taattafacha jirti jechun wajjiirri mana marii ijaarsa Hidha Haaromsaa Biyyaaleessa beeksiseera. Ijaarsi Pirojektii hidha haaromsaa Itoophiyaaf abdii misoomaa Ijiptiif immoo sodaa ta’uun biyyoota lamaan walfalmisisuu fi ija shakkiin akka wal ilaalan gochu itti fufeera. Biyyoonni Sulula laga Naayeel baay’een ijaarsa pirojektii hidha haaromsaa Itoophiyaa irraa komii kan hin qabne ta’uus, ...

Read More »

Hiriira Nagaa Tibbaana magaloota Oromiyaa adda addaa keessatti gaggeeffamun lubbu namoota darbeera.

Hiriira nagaa tibbaana magaloota Godinaalee Shawaa Kaabaa, Iluu Abbaa Booraa gaggeeffamen lubbu namoota akka darbe jirattoonni himaniiru. Hiriirri mormii kun Godina Shawaa kabaa anaalee Kuyyuu, Yayyaa Gullallee, Hidhabuu Abootee, Godina Addaa Naannaawaa Finfinnee Magaalaa Caancootti gaggeeffame ture. Akkasumas Godina I/A/ Booraa aanaalee Hurrumuu, Mattuu, Yaayyoo, Sal’ee Noonnoo, Haluu, Goree,Daariimuu,sibboo, Algee , Aallee Godina Buunnoo Beddellee Magaalaa Beddellee fi aanaa Cawwaaqaatti ...

Read More »

Sababa Ijaarsi Pirojektii Warshaa Shukkaraa Xaanaa Balaas harkifateen Shankoorri birrii Biiliyoona 7 olitti tilmaamu manca’eera .

Ijaarsi Pirojektii Shukkaraa Xaanaa Balaas yeroo itti ni xummurama jedhamettii waan hin xummuramneef shankoorri dhaabbatee ture yeroo tajaajila waan irra darbeef biyyaatti kisaara birrii biiliyoona 7.4 akka saaxile gabaafameera Pirojektii Shukkaraa Xaanaa-Balaas shankoorri lafa heektaara kuma 13 fi 147 irra dhaabbatee ture keessa kan lafa heektaara kuma 12 fi 206 jiru yeroon tajaajila akka irra darbe himameera. Shankoorri kun erga ...

Read More »