Obboo Andargaachoo Tsiggee mana hidhaatii akka gadi dhiifamaniif Mootummaan Biriteen dhiibaa gochu akka qabu gaafatame

Obboo Andargaachoo Tsigee mana hidhaatii akka gadi dhiifamaniif mootummaan Biriteen dhiibaa gochuu akka qabu Waldaleen Abukatootaa biyyaatti lama gaafatan
Waldaaleen Abukatootaa kunniin Obboo Andargaachoo Tsiggee mana hidhaa waayyaannee keessaa akka gadi dhiifamanii gaafachun Ministeera Dhimma Alaa Biriteeniif xalayaa bareessuu isaanii Zaa Gaardiyaan gabaaseera.
Obboo AndargaachooTsiggee hatattamaan mana hidhaatii akka gadi dhiigfamaniif mootummaan xiyyeeffannaan adda kenneef hojjachuu akka qabu Pirezedantiin Hawaasa Loowu fi Dura Taa’aan Kaawunsilii Baar Ministira Dhimma Alaa Biriteen Boriis Joonsaniif gaafataniiru
Dhimmi obboo Andargaachoo Tsiggee mana murtiitti irra deebiin akka ilaalamuuf mootummaan Biriteen dhiibaa gochaa akka jiru maddeen oduu gabaasaniiru
Waldaleen Abukatoota Biriteen Lamaan guyyaa Obboo Andargaachoo Tsiggee ukkamsamee gara biyyaatti fudhatame jalqabee mootummaa dhimmicha gidduu seenaa akka furu gaafacha turaniiru.
Obboo Andargaachoo Tsiggee irra dhiittaan mirgaa namoomaa fi darara cimaan mana hidhaa waayyaannee keessaatti irra gaha akka jiru waldaaleen abukatoota xalayaa ministeera dhimma alaa Biriteeniif yeroo adda addaa bareessaniin beeksisaniiru
Obboo Andargaachoo Tsiggee harki fi iji isaanii hidhame guyyoota 50f mana dukkanaa ibsaa hin qabne keessatti hidhamanii akka turan waldaalee Abukatootaa xalayaa isaaniin yaadachisaniiru.
Obboo Andargaachoo Tsiggee mana hidhaa keessatti dararamaa kan jiran ilaalcha siyaasa qabaniin qofa akka ta’es Zaa Gaardiyaan maddeen oduu adda addaa waabefachuun gabaaseera.