AFAAN OROMO Text

Hoggansi Olaanoon Dhaabbata Dimokirasummaa ummata Oromoo Duraanii Obboo Zalaalam Jamaanah hidhaa waggaa Jahan adabaman

Hoggansi Olaanoo Dhaabbata dimokirasummaa Ummataa Oromoo Duraanii obboo Zalaalam Jamaanah malanmaltummaan himatamanii erga hidhamanii olaanii bulaniiru. Dhimmo isaaniis mana murtii Olaanaa Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfineetti yeroo dheeraaf ilaalama erga ture booda adabiin murtii hidhaan akka adabaman murta’eera. Obbo Zalaalam Jamaanah Bulchaa Godina wallaggaa Lixaa jalqabee hogganaa Wajjiira Giddugaleessa OPDO akkasumas Sadarkaa itti aanaa preezdaantiitti hogganaa Biroo Qonna Oromiyaa ta’uun ...

Read More »

Mootummaan Itoophiyaa Rogeeyyii Oromoo Biyyoota adda addaa keessa jiraatan basaasa akka jiru himame

Mootummaan Itoophiyaa kampaanii biyyaa Israa’eel tokkorraa sooftiweerii basaasa Itarneetiitti bituun Rogeeyyii fi mormitoota siyaasaa basaasa akka jiru Kaampaniin Sitizin Laab Torontoo Kanaadaatti argamu tokko beeksiiseera Mootummaan Itoophiyaa Sooftiweerii Interneettii fayyadamuun Rogeeyyii fi mormitoota Siyaasa basaasa akka jiru kaampaniin Sitizin Laab Torontootti jedhamu qorannoo qorateen mirkaneeffachuusa beeksiseera. Mootummaan Itoophiyaa mormii ummataa wajjiin walqabatee, Rogeeyyii Oromoo imammaata fi tarsiimoo mootummaa mormaan irratti ...

Read More »

Artistoonni Oromoo lammiilee qe’ee fi qabeenya isaniirra buqqa’aaniif sagantaan horii walitti qabuuf Mata Duree <> jedhu Sadaasa 30 bara 2010 doo’ee sirbaa akka dhiyaatu himameera.

Konsartiin sirbaa marsaa jalqabaa sadaasa 30 bara 2010 magaala finfinnee galma Barkumeetti saa’aatti 10nirra jalqabee akka dhiyaatu sagantaa baheera hubatameera. Artistoonni Oromoo lammiilee isaanii oromoo waan ta’aaniif qofa naannoo Sumaaleerra buqqa’aan ogummaa fi qabeenya qabaniin gargaarun aantummaa fi itti gaafatamummaa sabaa mirkaneessanaru. Deeggarsa maallaqaa dhuunfaan gumaachaniin ala magaaloota Oromiyaa filatamaan keessatti agarsiisa sirbaa qopheessuun galii argamu hunda lammiilee buqqa’aniif oolchuuf ...

Read More »

Bulchiinsi Magaala Finfinnee Maqaa deebisaanii Misoomsuu jedhun manneen Abbooti warraa Kuma heddu diiguuf jedhameera.

Bulchiinsi magaala Finfinnee bajeeta birrii biiliyoona 40 bara 2010 qabatee keessa birrii biiliyoona 30 jirattoota magaalaatti irra bifaa galiin walitti qabuuf akka karoorfate himameera Galii Bulchiinsi magaalatti walitti qabuuf karoorfate kana keessa gahee guddaa kan qabu jirattoota lafasaniirra maqaa misoomaan buqqisuun lafa gurguruu akka ta’e keessa beektoonni dubbataniiru Bulchiinsi mootummaa waayyaannee manneen jireenya duraanii maqaa deebisanii misoomsuun kan diiguuun waliiti ...

Read More »

Godina Harargee Bahaa Aanaa Gursumitti namoonni 6 loltoota Agaaziin akka ajjeeffamn himame.

Godina Harargee Bahaa aanaa Gursum araddaa Kaasaa Oromiyaa jedhamutti weerara hidhattoota naannoo sumaalee fi loltoota motummaa federalatiin namoonni 6 akka ajjeeffaman himame Jirattoonni araddaa Kaasaa Oromiyaa weerara Liyyuu Pooliisii naannoo Sumaalee ofirra qolachaa wayita turaniitti loltoonni Agaazii ummataatti dhokaasuun namoota 6 ajjeessaniiru. Namoota ajjeeffaman malee 18 mada’aan hospitaala Harariitti waldhaanamaa akka jiran gabaafameera. Namoota weerara Liyyuu Pooliisii Sumaalee fi Raayyaa ...

Read More »

Mootummaan Naannoo Sumaalee shakkamtoota walitti bu’iiinsa Daangaa Keessa harka qaban to’aannoo jala oolchuuf fedhii hin qabu jedhame

Walitti bu’iinsa daangaa Oromiyaa fi naannoo Sumaalee wajjiin walqabatee shakkamtoota harka keessa qaban qondaltoonni Naannoo Sumaalee to’aannoo jala oolchuuf fedhii hin qaban jedhame Hoggantoonni naannoo Sumaalee shakkamtoota to’aannoo jala oolchuuf fedhii hin qabne irratti tarkaniiffii akka fudhatamu himameera Walitti bu’iinsa daangaa Oromiyaa fi naannoo Sumaaleen namoonni baay’een lubbuu isaanii dhabaniiru Dhalattoonni Oromoo kuma dhibba jahaa ol naannoo Sumaalee keessa jiraata ...

Read More »

Mootummaan Itoophiyaa labsii Farra Shororkeessummaatti akkaatan ittiin fayyadamu baay’ee yaaddeessa ta’u Amerikaan beeksiste

Mootummaan Itoophiyaa akkaatan labsi farra shororkeessummatti ittin fayyadamu baay’ee akka isaan yaaddeesse Itoophiyaatti Ambasaddaar Amerikaa beeksisan. Itoophiyaatti Ambasaddara Amerikaa ta’uun torbee jahan hojii kan jalqaban Ambasaddaar Maayikiil Reenariin ilaalcha siyaasa ibsachuu fi shororkeessummaa gidduu daangaan jiraachuu qaba jedhan. Ambasaddarich gaaffii fi deebii sagalee Amerikaa wajjiin tibbaa darbe taasisaniin, namoota yaada isaanii bilisaan waan ibsataniif yakka shororkeessummaan himatamanii hidhamanii Ameriikaa baay’ee ...

Read More »

Mormiin Ummataa Bulchiinsa mootummaa Waayyaannee balaleeffatu cime itti fufeera

Bulchiinsi mootummaa waayyaannee waggoota 26 ture xumura akka argatuuf mormiin ummata biyyaatti jalqabame bifa adda addaan cimee itti fufeera. Godina Gamogoofaatti jirattoonni magaala Saawulaa kaffaltii gibiraa waan itti hammateef halkan sanbata darbee wajjiira galiiwwanii fi Gumuruukii magaalaatti ibidan barbadeessaniiru Jirattoonni magaalaatti bulchiinsa waayyaannee dheeressuuf maallaqa rasaasiin ittin bitamu hin kaffalu jechun mormaniiru. Mormii ummataa oromoo fi Amaaraa akka deeggaraniis jirattoonni ...

Read More »

Jilli Ulma’oota Godinaalee oromiyaa adda addaa lammiilee Naannoo Sumaaleetti buqqa’aniif deeggarsa gumaachan

Jilli Ulmaa’ota, hayyoota fi qeerrowwaan Godinaalee Oromiyaa adda addaa magaalaa Finfinneetti Pirezedantii naannoo Oromiyaa fi miseensoota Koree gargaarsa walitti qabduu fi deebisaanii hundeessuu wajjiin mari’ataniiru Jilli kun mariisa erga xummuree booda gara Godina Harargee Bahaa kaampii Hammaarreessaatti imalu lammiilee buqqa’aaniif deeggarsaa gumaacheera. Lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirra buqqa’an gargaarun aadaa walibira dhaabbachu, jaalalaa fi tokkummaa Oromoo waggoota dheeraaf gabbifate akka ...

Read More »

Walitti Bu’iinsa Oromiyaa fi Naannoo Sumaalee keessatti gaheen miseensoota raayyaa ittisa biyyaa olaanaadha jedhame

Walitti bu’iinsa daangaa Oromiyaa fi naannoo Sumaalee godina Booranaa keessatti cimee itti fufe keessatti miseensoonni raayyaa ittisa biyyaa baay’inaan akka hirmaatan himameera Lammiilee Oromoo Booranaa baay’inaan kan ajjeessee miseensoota Raayyaa ittisa biyyaa akka ta’aniis beekameera Walitti bu’iinsa daangaa oromiyaa fi naannoo Sumaalee torbee darbee qofan lammiileen nagaa 20 akka ajjeeffaman ministirri wajjiira dhimmoota komunikeshinii mootummmaa Doktor Nagaarii Leencoo beeksisaniiru Akka ...

Read More »