Mootummaan Naannoo Sumaalee shakkamtoota walitti bu’iiinsa Daangaa Keessa harka qaban to’aannoo jala oolchuuf fedhii hin qabu jedhame

Walitti bu’iinsa daangaa Oromiyaa fi naannoo Sumaalee wajjiin walqabatee shakkamtoota harka keessa qaban qondaltoonni Naannoo Sumaalee to’aannoo jala oolchuuf fedhii hin qaban jedhame
Hoggantoonni naannoo Sumaalee shakkamtoota to’aannoo jala oolchuuf fedhii hin qabne irratti tarkaniiffii akka fudhatamu himameera
Walitti bu’iinsa daangaa Oromiyaa fi naannoo Sumaaleen namoonni baay’een lubbuu isaanii dhabaniiru
Dhalattoonni Oromoo kuma dhibba jahaa ol naannoo Sumaalee keessa jiraata turan qe’ee fi qabeenya isaniirra buqqa’aniiru.
Miseensoonni Liyyuu Pooliisii Sumaalee loltoota Agaaziin deeggaraman afjuu daangaa babal’iffachu dhugomsachuuf jecha gandoota oromiyaa daangaarra jiran yeroo adda addaa weeraruu itti fufaniiru.
Horsiisee Bultoonni fi Qonnaan Bultoonni gandoota Oromiyaa weeraraa Liyyuu Pooliisii kana gootummaan ofirra qolachuun daangaa isaanii kabachiisa jiru.
Bulchiinsi Mootummaa Sumaalee weeraraa daangaa kanan wayita injifatamu dhalattoota Oromoo kuma 600 ol naanniicha keessa jiraatan qe’ee fi qabeenya isaniirra ari’eera
Qondaltoonni naannoo Sumaalee Shakkamtoota badii raawwatame kana keessaa harka qaban seeraatti dhiyeessuuf fedhii waan hin qabneef tarkaniiffiin akka irratti fudhatamu koreen mootummaan Federaalaa hundeesse murteesseera.
Dhimma walitti bu’iinsa daangaa wajjiin wal qabatee koreen Itti-aanaa Ministiira Muummee Obboo Dammaqaa Mokonnoon hogganamu gabaasa pooliisii Federaalaa irratti hunda’uun murtii kana akka murteesse himameera.
Haaluma kanan qondaltoonni naannoo Sumaalee yaalii Shakamtoota to’aannoo jala oolchuuf taasifamu deeggaruuf fedhii hin qabne itti gaafatamuu akka qaban koreen kun murteesseera.
Mootummaan naannoo Oromiyaa tarkaniiffii shakkamtoota to’aannoo jala oolchuuf fudhatameef deeggarsa gaarii gochuusa Pooliisiin Federaalaa gabaasa kanan beeksiseerea
Naannoo Oromiyaatti namoota shakkaman 98 keessaa 44 pooliisii Federaalaan to’aannoo jala akka oolfaman himameera
Naannoo Sumaaleetti immoo namoota shakkaman 38 keessa 29 to’aannoo jala oolchuuf kan murta’ee ta’uus hanga ammatti namoota shani qofa to’aannoo jala kan oolfaman.
Sababa walitti bu’iinsa daangaa naannoolee lamanii keessa Pirezedaantiin naannoo Sumaalee fi Ajajaan Liyyuu Pooliisii naanniichaa qooda guddaa akka qaban keessa beektoonni himaniiru.
Garuu namoota shakkamanii to’aannoo jala akka oolfaman jedhamn keessa maqaan isaanii jiraachu fi dhiisu waan beekame hin jiru
Oduu biraan immoo, Lammiileen sababa walitti bu’iinsa daangaan qe’ee isaniirra buqqa’aanii kaampii keessa jiraatan rakkoof saaxilamaa akka jiran Komishiniin sodaa balaa fi Qajeelcha hojii federaalaa beeksiseera.
Lammiileen qe’ee isaaniirra buqqa’anii kaampii keessa jiraatan ijoollee isaanii barsifachuu akka hin dandeenye himameera.
Lammiilee Qe’ee isaaniirra buqqa’aan baka irra dhufaniitti deebisuuf xiyyeeffannoon akka hojjatamu ministiirri muummee Hayilamariyaam Dassaleeny mana marii bakka bu’oota ummataatti himanii ture.
Ministiirri Muummee Hayilamariyaam Dassalaany lammiilee qe’ee isaaniirra buqqa’aanii kaampii keessa jiraatan hanga ammatti daawwachu dhabuun fedhii mootummaa isaanii maal akka ta’e kan mul’isu jedhameera.
Mootummaan Federaalaa fi dhaabbiileen federaalaa lammiilee Oromoo qe’ee fi qabeenya isaaniirra buqqa’aanii kaampii keessa jiraataniif deeggarsa gochu dhabuun aja’ibsiisa ta’eera