Mootummaan Itoophiyaa Rogeeyyii Oromoo Biyyoota adda addaa keessa jiraatan basaasa akka jiru himame

Mootummaan Itoophiyaa kampaanii biyyaa Israa’eel tokkorraa sooftiweerii basaasa Itarneetiitti bituun Rogeeyyii fi mormitoota siyaasaa basaasa akka jiru Kaampaniin Sitizin Laab Torontoo Kanaadaatti argamu tokko beeksiiseera
Mootummaan Itoophiyaa Sooftiweerii Interneettii fayyadamuun Rogeeyyii fi mormitoota Siyaasa basaasa akka jiru kaampaniin Sitizin Laab Torontootti jedhamu qorannoo qorateen mirkaneeffachuusa beeksiseera.
Mootummaan Itoophiyaa mormii ummataa wajjiin walqabatee, Rogeeyyii Oromoo imammaata fi tarsiimoo mootummaa mormaan irratti xiyyeeffachuun duula basaasa Interneeti cimsee itti fufeera
Haaluma kanan, Rogeeyyii Oromoo fi hayyoota Oromoo barnootarra jiran akkasumas qorataa Siitizin Laab akkasumas hogganaa Oromiyaa Midiyaa Netwoorkiitti iimeelii basaasa sobaa itti ergamee akka ture Kaampaniichi himeera
Namoonni ergaan iimeelii sobaa kana wayita banan,sooftiweeriin basaasa Interneetii kun ragaalee fi odeeffannoo bareeffamaa fi viidiyoo iimeelii isaanii keessa jiru mootummaa Itoophiyaa akka hatuuf gargaara jedhameera.
Hogganaa OMN Obboo Jiwaar dabalatee,Yuunivarsiitii Landanitti barataan digirii sadaffaa(PhD) Ittaanaa Habtee fi Barsiisaan Seeraa Yunivarsiitii Washingitanii fi Lii doktor Henook Gabbisaa namoota duula Basaasa Interneeti mootummaa Itoophiyaa irratti xiyyeeffate keessatti argamu
Mootummaan Itoophiyaa wayita mormiin ummataa Oromoo biyyaa keessa fi biyyaa alaa itti cimaa ture erga sabaa basaasaf itti fayyadamu kana namootaf erga akka ture himameera