Hoggansi Olaanoon Dhaabbata Dimokirasummaa ummata Oromoo Duraanii Obboo Zalaalam Jamaanah hidhaa waggaa Jahan adabaman

Hoggansi Olaanoo Dhaabbata dimokirasummaa Ummataa Oromoo Duraanii obboo Zalaalam Jamaanah malanmaltummaan himatamanii erga hidhamanii olaanii bulaniiru.
Dhimmo isaaniis mana murtii Olaanaa Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfineetti yeroo dheeraaf ilaalama erga ture booda adabiin murtii hidhaan akka adabaman murta’eera.
Obbo Zalaalam Jamaanah Bulchaa Godina wallaggaa Lixaa jalqabee hogganaa Wajjiira Giddugaleessa OPDO akkasumas Sadarkaa itti aanaa preezdaantiitti hogganaa Biroo Qonna Oromiyaa ta’uun aangoo mootummaarra turaniiru.
Obboo Zalaalam wayita aangoo mootummaarra turan keessatti hogganaa wajjiira giddugaleessa dhaabaa wayita turan barattoota, hayyoota fi dargaggoota oromoo baay’ee yakka sobaan reebisisuu , hidhuu fi ajjeechisuun ni beekamu.
Obbo Zalaalam hoggansa olaanaa naannoo Oroomiyaa fi Dhabarra wayita turan malaammaltummaan hojjachattoota ramaduu fi maallaqa heddu fudhachun lafa maqaa invastimantiin akka kennamu ajajaa akka turan namoonni isaan beekan dubbataniiru
Yeroo muraasa asi garuu yeroon gochi gara jabeenya obboo Zalaalam itti sodaataman hafuun namoonni kaleessa isaan aangoo kennaaf turan maallaqaa ummataa saamtee jechun gara mana hidhaatti isaan darbataniiru
Mannii Murtii Olaanaa Godina Addaa Oromiyaa naannowwa finfinnee dhimma hoggansa Olaanoo OPDO duraanii kana ilaala turun hidhaa waggaa 6 fi Birrii kuma 11n akka adabaman itti murtaeesseera
Konkolaatan fee’umsaa maqaa Obboo Zalaalam Jamaanah galmaa’e jirus akka dhaalamu manni murtichaa murteesseera.
Haati Manaa isaanii duraanii aadde Misraaq Qixxaataa immoo hidhaa waggaa 5 fi Birrii kuma 11n akka adabaman itti murteesseera
Obboo Zalaalam Jamaanah wajjiin walitti dhufeenya addaa qabu jedhamanii kan shakkaman fi himatamtuu sadaffaa aadde Mirgeessaa Gammadaan bakka hin jirretti dhimmi isaanii ilaallamun hidhaa waggaa 5 fi ji’aa jaha akka itti murta’ee beekameera.
Himatamaa arfaffaa fi obboleessi obboo Zalaalam jamanaaha Salamoon Jamaanah fi himatamtuu 8ffaa Liyaa Tsaggaayee hidhaa waggaa lamaan akka adabaman Manni Murtiicha itti murteesseera.
Akkasumas Himatamaa 5ffaan Alamaayyoo Malaakuu hidhaa waggaa 4 himatamtuu 9ffaa Xurunsh Jamaanah hidhaa waggaa 3 fi Birrii kuma 5n akka adabaman manni murtichaa itti murteessera.
Qondaltoonni Olaannoo OPDO baay’een malanmaltummaa lafa qonnan bultoota Oromoo magaalota naannoo finfinnee maqaa maatii isaaniin saamaa turan baay’een ammaas aangoon mootumma jijjiirameef hojiirra akka jiran ni beekama.