AFAAN OROMO Text

Baqattoonni Dhibbootaan Lakkaawaman Garba Meditraaniyaan Keessatti Dhuman

Baqattoonni biyyoota Gaafa Afrikaa dhibbootaan lakkaawaman, gara Awurooppaatti osoo bahara bishaan Meditraniyaan gubbaan doniin deemaa jiranii galaana Meditiraaniyaan gama Bahaa keessatti dhumuu isaanii barame. Kanneen balaa kana irraa hafanii fi namoonni ijaan arggan akka himanitti dooniin galaanaanni fuudhe tun gara baqattoota dhibba shanii fe’attee akka deemaa turte ibsaniiru. Baqattoonni kuni guyyaa jimaataa Ebla 8 bara 2016 tti magaalaa kaayroorraa gara ...

Read More »

Kubbaaniyaan Hindii tajaajila humna ibsaa Itoophiyaa fooyyessuuf walii galtee dolaara miliyoona 50 mallatteesse.

Bitootessa 31/2016 Kubbaaniyaan Hindii tajaajila humna ibsaa Itoophiyaa fooyyessuuf walii galtee dolaara miliyoona 50 mallatteesse. Magaalaa Finfinnee dabalatee magaalota naannoowwan ishee keessatti qulqullinaa fi ciccitiinsa ibsaa furmaata dhabee jiru furuuf kubbaaniyaan hindii tokko piroojektii dolaara miliyoona 50 fudhate. Hojii wal fakkaatuuf waggaa tokko dura walii galtee dolaara miliyoona 16.7 mallatteessee kan ture dhaabbatni paawor Giriik konsitiraakishinii rakkoo jiruuf furmaata hin ...

Read More »

Ministeerri dhimma Biyya alaa Amerikaa gara Itoophiyaa akka deeman ibsame.

Bitootessa 31/2016 Ministeerri dhimma Biyya alaa Amerikaa gara Itoophiyaa akka deeman ibsame. Itti aanaa gargaaraan ministeera dhimma diimokiraasii fi mirga dhala namummaa Ameerikaa Toom Maalinooskiin gareen gaggeeffamu gara Itoophiyaa akka Imalan ministeeri dhimma Biyya alaa Amerikaa beeksiseera. Turtii isaan Itoophiyaatti itti gaafatamaan Ministeera Ameerikaa biyya alaa kun angefamtoota mootummaa waliin wal arguun dhimmoota garaagaraa irratti kan mar’atan yemmuu ta’u, daawwannaan ...

Read More »

Mormii Oromiyaatti mudateen jiraatootni hedduun dararamaa akka jiran himan.

Bitootessa 31/2016 Mormii Oromiyaatti mudateen jiraatootni hedduun dararamaa akka jiran himan. Mormii master pilaanii magaalaa Finfinneen wal qabatee Oromiyaa keessaatti mormiin uummataa ji’oottan shan lakkoofsise furmaata akka hin argannee fi jiraattotni naannichaas sodaa keessa jiraachuu isaa televizyiinin biyya France gabaasera. Jiraattotni magaalaa Gincii fi naannoo ishee dhaabbata Televizyiinii kana waliin gaaffii fi deebii taassisan akka ibsanitti, hanga ammaatti jiraattonni hidhamaa ...

Read More »

Oromiyaatti jiraattootni kumaatamaan lakkaa’man hidhamaa jiraachuun himame.

Bitootessa 31/2016 Oromiyaatti jiraattootni kumaatamaan lakkaa’man hidhamaa jiraachuun himame. Mormii Oromiyaatti gaggeefamaa jiruun wal qabatee dhihoo kana dabalataan namootni kuma sadii ol magaalota garaagaraa keessaa hidhamuu isaanii kongirasiin federaalistii oromoo beeksise. Torbee darbe akka biyya keessaa hin baane kan dhorkamanii fi dura ta’aa kongirasii kan ta’an Dr. Mararaa Guddinaa hoggantootni mootummaa ajjeechaa fi hunkuramiinsa uumameef yeroo dhihoo dhiifama gaafatus hidhaan ...

Read More »

Abbootii seeraa mana murtii olaanoo federaala sadii Parlaamaan gaggeese

Seera mootummaatiif amanamoo miti kan jedhaman abbootii seera mana murtii olaanoo federaalaa sadii angoon isaanii paarlaaman irraa ka’e. Sirreeffama seera mootummaa, walqixxummaan sab-lammoota hin kabajamne gaaffii jedhuu fi waan biraan kan himataman abbaa seeraa tokko dabalatee abbootiin seeraa sadii parlaamaan hojiirraa isaan hari’e. Abbootiin seeraa hojii isaanii irraa mana mareetiin akka ka’an taasifaman Obboo Gizaachoo Mitikuu, Obboo Habtaamuu Milkii fi ...

Read More »

Mootummaan Biritaaniyaa lammilleen isaanii naannoo Gaambeellaa aanaalee afur keessatti akka hin sochoone akeekkachise.

Walitti bu’insa dhihoo kana Gaambeellaatti umameen wal qabatee mootummaan Birtaaniyaa aanaalee afur naannichatti argamu keessatti akka hin imalle hubachiise. Haala nageenya yeroo fi dhimmoota lammii Itoophiyaa keessa jiruun lammille isaatiif oddeeffannoo kan kenne ministeerri dhimma alaa Biritaaniyaa naannoo Gaambeellaatti bakkeewwan kanaan dura walitti bu’insi ture ammas sodaa rakkoo nageenyaa ta’uu isaa ibseera. Naannoo Gaambeellaa godina Niweeri jalatti kan argaman aanolee ...

Read More »

USA varjiiniyaatti hugguramuu miidiyaa fi sochii uummata Itoophiyaatti mata duree jedhuun mariin uummataa gageefame

Torban darbe Ameerikaa bulchiinsa Varjiiniyaatti ugguramuu midiyaa fi sochii uummataa mata duree jedhuun saatalaayitii raadiyoo fi televizyiin Itoophiyaatiin (ESAT) fi BBN mariin uumataa gaggeefame. Gaafa guraandhala 7 /2016 marii uummataa gaggeefame kana irratti dhimmi mata duree kana irratti beektootni qorannoo gaggeessan bakka bu’ootni ESAT fi BBN akkasumas bakka bu’ootni koreen mormitoota mirga gaazexeessitoota (SPJ) hasawaa taasisaniiru. Bakka bu’oota koree mirga ...

Read More »

Kaleessa maskiida Annuwaaratti kadhannaa booda mormiin taassifame.

Maskiida Annuwaai magaalaa Finfinneetti argamutti jimaata kalleessaa guyyaa sagantaa kadhannaa booda mormiin taassifameera. Mormii akka tasaa taassifame kan jedhame mormii maskiida Annuwaaritti gaggeefame kanaan musliimootni lakkofsa hedduu qaban dhaadannoo garaagaraa dhageessisaa ooluu isaa ragaan biyyaa arganne ni mul’isa. Cunqursaan biyyoollesaa haadhaabbatuu fi miseensonni koree haa hiikaman dhaadannoon jedhu namoota hedduu harkatti mul’achuun isaa ibsameera. Waggoota sadan darbanii kaasee hawaasni musiliimaa ...

Read More »