Mootummaan Itoophiyaa labsii Farra Shororkeessummaatti akkaatan ittiin fayyadamu baay’ee yaaddeessa ta’u Amerikaan beeksiste

Mootummaan Itoophiyaa akkaatan labsi farra shororkeessummatti ittin fayyadamu baay’ee akka isaan yaaddeesse Itoophiyaatti Ambasaddaar Amerikaa beeksisan.
Itoophiyaatti Ambasaddara Amerikaa ta’uun torbee jahan hojii kan jalqaban Ambasaddaar Maayikiil Reenariin ilaalcha siyaasa ibsachuu fi shororkeessummaa gidduu daangaan jiraachuu qaba jedhan.
Ambasaddarich gaaffii fi deebii sagalee Amerikaa wajjiin tibbaa darbe taasisaniin, namoota yaada isaanii bilisaan waan ibsataniif yakka shororkeessummaan himatamanii hidhamanii Ameriikaa baay’ee akka yaaddeessu dubbataniiru.
Itoophiyaa duula farra shororkeessummaa irratti michuu Amerkaa akka taate Amabasaddarich yaadachisuun, Qondaltoonni biyyaatti akkaata labsii farra shororkeessuummaa ittini fayyadama jiran xinxalu qabu jedhan.
Mootummaan labsii farra shororkeessuummaa sochii siyaasa karaa nagaan gaggeeffamu ukkamsuuf itti fayyadamuu hin qabu jedhan
Akkaata mootummaan Itoophiyaa labsii farra Shorkeessuummaatti fayyadamu ilaalchisee mootummaan Amerikaa shakkii akka qabu amabsadarichi himaniiru.
Lammiileen yaada isaanii bilisaan ibsatan irra caalaa jajjabeessu malee, labsiin farra shororkeessuummaa isaan ilaalchu hin qabu jedhan
Haaluma kanan mootummaan Itoophiyaa dhimma hidhamtoota siyaasa siirritti akka xinxaluuf qondaltoota wajjiin mari’achaa akka jiran beeksisaniiru.
Mootummaan Itoophiyaa haala qabiinsa mirga namoomaa akka foyyeessuf biyyi isaanii dhiibbaa gochaa akka jirtus Amabasadarichi himaniiru.
Itoophiyaan yeroon rakkisaa keessa waan jirtuuf walitti bu’iinsi Oromiyaa fi naannoo Sumaalee akkasumas kan naannoolee biroo Amerikaa akka yaaddeessu amabasaddaar Maayikiil Reenariin beeksisaniiru.
Mootummaan Itoophiyaa sagalee paartiilee mormitoota fi namoota imammaata mootummaa mormaan ukkamsuuf labsii farra shororkeessuummaatti akka fayyyadamu dhaabbileen mirga namoomaaf falamaan beeksisa turaniiru.
Itoophiyaati,miseensoonni paartiilee mormitoota, Gaazexxestoonni, namoonni mirga namoomaa falaman, Barattoonni , Barsisoonni waliiglataatti kutaleen hawaasa adda addaa imammaata mootummaa morman hudi labsii farra shorkeessuummaan himatamu.