Bulchiinsi Magaala Finfinnee Maqaa deebisaanii Misoomsuu jedhun manneen Abbooti warraa Kuma heddu diiguuf jedhameera.

Bulchiinsi magaala Finfinnee bajeeta birrii biiliyoona 40 bara 2010 qabatee keessa birrii biiliyoona 30 jirattoota magaalaatti irra bifaa galiin walitti qabuuf akka karoorfate himameera
Galii Bulchiinsi magaalatti walitti qabuuf karoorfate kana keessa gahee guddaa kan qabu jirattoota lafasaniirra maqaa misoomaan buqqisuun lafa gurguruu akka ta’e keessa beektoonni dubbataniiru
Bulchiinsi mootummaa waayyaannee manneen jireenya duraanii maqaa deebisanii misoomsuun kan diiguuun waliiti dhufeenya hawaasumaa jirattoonni waggoota hedduuf gabbifatan baleessuuf kaayyoo dhoksaa akka qabu himameera.
Duulli maqaa deebisanii misoomsu jedhun manneen jireenyaa duraanii diiguu komii ummataan waggoota lamaaf addan citee kan ture yoo ta’u, amma bifa haaraan mandaroota seenaa qabeessa ta’aan shan diiguuf karoorfameera
Bulchiinsi magaalatti namoota manneen jala diigamuuf mana jireenyaa fi lafa mana irratti ijaaratan osoo hin qopheessine manneen isaanii jala diigaa akka ture kan yaadatamudha.
Mandaroonni duraanii maqaa deebisanii misoomsuun diiguuf qophii xummurame kunniin ” Irrii Bakantuu, Gadaam Safaar, Geejjaa Safaar Shoolaa fi Maganaanyaa akkasumas naannoo Kaazanchiis” akka ta’aan beekameera
Bulchiinsi magaalaatti jirattoota osoo marsiisne , mana jireenyaa fi bakka mana itti ijaaratan osoo qopheessine manneen abbooti warraa kuma heddu diiguuf qophiira jira