Artistoonni Oromoo lammiilee qe’ee fi qabeenya isaniirra buqqa’aaniif sagantaan horii walitti qabuuf Mata Duree <> jedhu Sadaasa 30 bara 2010 doo’ee sirbaa akka dhiyaatu himameera.

Konsartiin sirbaa marsaa jalqabaa sadaasa 30 bara 2010 magaala finfinnee galma Barkumeetti saa’aatti 10nirra jalqabee akka dhiyaatu sagantaa baheera hubatameera.
Artistoonni Oromoo lammiilee isaanii oromoo waan ta’aaniif qofa naannoo Sumaaleerra buqqa’aan ogummaa fi qabeenya qabaniin gargaarun aantummaa fi itti gaafatamummaa sabaa mirkaneessanaru.
Deeggarsa maallaqaa dhuunfaan gumaachaniin ala magaaloota Oromiyaa filatamaan keessatti agarsiisa sirbaa qopheessuun galii argamu hunda lammiilee buqqa’aniif oolchuuf waada galaniiru
Konsartii sirbaa kanarratti Artistoonni Oromoo jalatamoo fi kabajamoo hangafoota dabalatee, Artistoonni lafaa dhufeeyii waltajjii fi kaayyoo tokkoof walgahuun tokkummaa Oromoo irra deebiin ni mirkaneessu jedhame hawwiin eegama jira
Konsartiin Sirbaa kun kaayyoo lammiilee buqqa’aan gargaarun alaatti tokkummaa Artistoota oromoo cimsuun deeggartoota isaanii bashaanansiisuuf gumaacha gudda qaba jedhameera.
Knsartii kanarratti jalattoonni fi deeggartoonni Arstistoota oromoo kuma 25 ol galama barkumaatti argamanii shubbisaa lammii isaanii buqqa’aniif deeggarsa walitti qabu jedhameera.
Bifuma walfakkatuun deeggarsi Maallaqaa fi akaakuu lammiilee Oromoo naannoo Sumaaleetti buqqa’aniif taasifamu cimee itti fufeera.
Dhalattoonni Oromoo godinaalee Oromiyaa adda addaa keessa jiraatan lammiilee isaaniif deeggarsa walitti qabuun hanga kaampii isaan yeroof keessa jiraatan dhaquun isiniif jira jechun jajjabeessa jiru.
Deeggarsi lammiilee Oromoo qe’ee fi qabeenya isaniirra buqqa’aaniif hanga sadaasa 27 bara 2010tti maallaqaan gumaachame birrii miiliyoonaa dhibba Afurii fi kuma dhibbaa lamaa kuma torbatamii lamaa ol gahuusa ragaan Biiroo Dhimmoota Komunikeshinii Mootummaa Oromiyaa ni mul’isa