Jilli Ulma’oota Godinaalee oromiyaa adda addaa lammiilee Naannoo Sumaaleetti buqqa’aniif deeggarsa gumaachan

Jilli Ulmaa’ota, hayyoota fi qeerrowwaan Godinaalee Oromiyaa adda addaa magaalaa Finfinneetti Pirezedantii naannoo Oromiyaa fi miseensoota Koree gargaarsa walitti qabduu fi deebisaanii hundeessuu wajjiin mari’ataniiru
Jilli kun mariisa erga xummuree booda gara Godina Harargee Bahaa kaampii Hammaarreessaatti imalu lammiilee buqqa’aaniif deeggarsaa gumaacheera.
Lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirra buqqa’an gargaarun aadaa walibira dhaabbachu, jaalalaa fi tokkummaa Oromoo waggoota dheeraaf gabbifate akka cimsu miseensoonni jila kana himaniiru.
Jilli kun deeggarsa ambulansii amayyaa siree ciisichaa lama qabdu tokko dabalate, deggersa meeshaalee adda addaa birri miiloyana 4.5tti tilmaamu lammiilee buqqa’aniif gumaacheera.
lammiileen Oromoo buqqa’an daawwachuun haala jiru hubachuun gara fulduratti haala jireenya tasgaba’aa jiraatan irratti caalmaatti hirmaachuuf akka ta’e himameera
Jilli Ulmaa’ota, hayyoota fi qeerrowwaan Godinaalee Oromiyaa adda addaa konkolaata Ambulaansii amayyaa tokko, Firaashii ,Saamunaa ,Qamadii,Uffata fi bishaan konkolattoota 9tti fe’uun Lammiilee isaaniif kan geessan
Lammiileen Oromoo qe’ee fi qabeenya isaaniirra buqqa’aanii kaampii keessa jiraachuun gadda guddaa ta’uus, gochi kun tokkummaa ummata oromooo kan yeroo kamuu caalaa kan cimse ta’u miseensoonni jala kana himaniiru.
Lammiileen Oromoo qe’ee fi qabeenya isaaniirra naannoo Sumaaleetti buqqa’uun Dhalattoota Oromoo hunda Amantii, Saalaa fi godinaan Adda osoo hin baasne tokkummaa fi obbolummaa akka walbira dhabbatan haala kan uumee ta’u miseensoonni jila kana himaniiru.