Author Archives: Central

Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Laftootti duula mana seeraan ala jedhaman diiguu Mootummaan fudhatameen namoonni 200 ol ta’an akka hidhaman beekame.

Jiraattonni Magaalaa Finfineen akka himanitti, manneen jireenyaa isaannii akeekachiisaa tokko malee akka diigamaa jiru fi humnoonni nageenya magaalattii ummmata walitti qabee tumuu fi hidhaa akka turan miidiyaaleef himaniiru. Hidhatoonii mootummaa Namoota Poolisoota lama fi bulchiinsa kutaa magaalaatti ajjeessaniiru jedhamanii shakkaman barbaaduuf yemmuu socho’anitti namoota dhimmicha waliin hidhata hin qabne dararaa akka turan jiraartoota wabeeffachuun miidiyaaleen dhuunfaa biyyatti gabaasaniiru. Bulchiinsi Magalaa ...

Read More »

Lamiileen itoophiyaa Godina Gondor kaabaa naannoo Matammaa jiraatan hidhatoota mootummaa sudaanii wajjin waliti bu’anii egaa sudaanota 5 ajeesanii buuddee ,mootummaan sudaan qondaala isa tokkoo gara itoophiyyaati ergeera.

Akkaa oduun madda oduu biyyootan lamman irraa bahee ibsutii , Ministirrii dhimma alaa Itoophiyaa Tewodiroos Adhaanoom fi Ministirri Mootummaa Sudaan Kamaal Ismaa’il gaafa facaasa finfinneetti wal arganii marii godhaniiru. Waxabajjii 25 bara 2008 Gondor Kaabaa aanaa Armaacooho gammoojjii Sinaanaa keessatti loltoota Sudaan lafa qonnaan bultoota Itoophiyaa fudhachuuf socho’an irratti qonnaan bultooni Itoophiyaa dhukaasa bananiin loltoota shan ajjeessuni isaani fi lamiin ...

Read More »

Itoophiyaan utuu mirga dhala namaa sarbituu fi Mootummaa abbaa irree taatee jirtuu, Waxabajjii 28 bara 2016 waggoota lamaan dhufaniif miseensa dhaabbii hin taane kan Mana Marii Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota gamtoomanii ta’uun filatamuun dogongora akka ta’e dhaabi mirga namaaf falmu Human rights watch beeksiseera.

Itoophiyaan mirga dhala namaa sarbuu fi sgalee bilisaa ukkamsuun Mootummota abbaa irree addunyaa kanaa irra tokko taate utuu hin jirtuu, miseensa mana marii nageenyaa sadarkaa addunyaatti beekamaa ta’uun addunyaan garamitti akka deemaa jirtu kan agarsiisuu akka ta’e mul’isa. Ji’oota torba darban qofaa Mooormii Oromiyaa keessatti ka’een daa’immaan fi dubartiin ulfaa utuu hin hafin, namoonni 400 ol humnoota nageenyaan gara laafina ...

Read More »

Ministirri Muummee Israa’el Beenjaamiim Neetnaahuu dawwanaan tibba kana gaggeessa jiran, qondaalli Israa’el yemmuu biyyoota Afriikaa sahaaara gad jiran daawwatu inni kun seenaa waggaa 30 keessatti isa jalqabaa ti jedhamee.

Ministirri Muummee Israa’el wiixata Keeniyaa daawwachuun eegalan guyyoota sadan dhufan keessatti Itoophiyaa fi Ugaandaa akka daawwatan Washington Post gabaasee jira. Daawwii isaanii Ugaandaatiin hooggantoota biyyoota Afriikaa torba waliin akka mari’atan fi marii kanaan immoo dame teeknooloojii fi Nageenyaatiin muuxanno biyyatti akka hiraniif beekameera. Gama biratiin Israa’el michuu haaraa Afriikaa imaammata ishee hin qeeqne akkasumas sadarkaa addunyaatti gama dipiloomasiitiin ishee deggeran ...

Read More »

Lammiileen Itoophyaa12 fi lammiileen Ertiraa 25 seeraan ala nama daddabarsu jedhamanii shakkaman to’annoo poolisii Xaaliyaanii jala ooluu isaanii gabaasnii Rooyitar kibxata tamsaase beeksiseeraa.

Namoonni seeraan ala namoota daddabarsan jedhaman to’annoo jaa oolan kunneen yakkoota baala sammu namaa haddoochuu daddabarsuu fi maallaqa seeraan ala daddabarsuu akkasumas seeraan ala baqattoota gara Xaaliyaan galchuudhaan jedhameera. Poolosiin Xaaliyaanii ragaan lammii Ertiraa bara 2014 qabamee Xaaliyaan keessatti hidhamee irra argate irraati hunda’udhan sakkata’iinsa mana shitoo tokko irratti gaggeesseen maallaqa yuurootif doolara kuma dhibbati lakawamuu odeeffannoo adda addaa wajjin ...

Read More »

NAANNOO MAGAALAA FINFINNEE TTI KAROORRI LAMMIILEE MANNEEN JIREENYAA KHEEYSAA BUQQISUU AKKA DHAABBATTU SAMAGUUN IBSA BAASE

Naannoo magaalaa Finfinnee tti lammilee qe’ee jiraanyaa irraa buqisuun akka hatattamaan dhaabbattu dhaabni mirga namaaf dhaabbte hubachiise. Qarqaara magaala Finfinnee nannoowwan akka Laaftoo fi Qarsaa kontoomaattii namoota mana jaarratanii jiraachaa turan, manneen seeran alla jaartan jechuudhan bulchiinsi magaala Finfinnee diiguu jalqabeeti jira.. Haala khanaan Gumiin mirga dhala namaa ibsaa hattamaa baasuun jiraattota hiree adda addaa argatanii manneen jaarratanii jiraachaa ilmaan ...

Read More »

Federeeshinni kubbaa miilaa Itophiyaa Kaaba Ameerikaa 33ffaan biyya Kanadaa tti guyyaa Dilbtaa dabree haala oowwaan eegalame.

Federeeshinni kubbaa miilaa Itoophiyaa kaaba Ameerikaa 33ffaan magaalaa guddittii biyya Kanadaa Toroontotti eegalame. Magaalaalee biyya Kanadaa gara garaa tiifii biyya Unitid steests irraa laammiileen Itoophiyaa heddomminaan walitti dhufuun akkasumattiis biyyoota addunyaa mara kheeysaa irratti argamuun qooda irraa fudhachaati jiran. Presedaantiin Federeeshinaa obboo Geetaachoo Tasfaayee torbaan kun torbaan lammiileen itoophiyaa biyyoota gara garaa jiratan wal arganii yaada wal bahan waan taheef ...

Read More »

Roobni bakkee biroo roobe galaana guddaa uumee riqicha magaalaa dirree dhawaa walitti hidhu waan caccabseef magaalaan rakkoo keessa jirti.

Magaalaa Dirree Dhawaa dhiheenya kana sababaa galaanaatiin rakkoo keessa seenaati jirti. Guyyaa kamisa dabre akka sa’aa biyyaatti guyyaarra sa’aa 7 tti gaallaanni osoo hin beekkamin rooba aanaa Laangeeyii fii Calanqo roobee magaalaa Dirree Dhawaa dhufeen kan ka’e riqichi magaalaa walitti hidhu waan diigameef jecha magaalan iddoo lamatti adda citeeteti turte.Namoonno galaana ijaan arganii vidiyoo kaasan miidyaalee gara garaa irratti maxxansati ...

Read More »

Dhaabni Mirga Namaa falmu Amnesty International Mootummaan Itoophiyaa Obboo Yoonaataan Tasfaayee Raggaasaa haal duree tokko malee akka gadi dhiifamu gaafatan.

Dhaabni mirga namaa tiif falmu amnesty international obboo Yoonaataan kan yaada isaa marsaa hawaasaa Facebook dhunfaa isaa irratti maxxanseen qabamee; hidhamuu isaa ciminaan balaaleffachuun haal duree tokko malee akka gadi dhiifamu gaafatan. Ibsa Amnesty International guyyaa kaleessaa baaseen akkaataa mootummaan Itoophiyaa seera farra shoorarkeessummaa karaa badiitiin dhimma itti bahaa jirtu balaaleffachaa obboo Yoonataan bilisaan yaada dhunfaa isaa Facebook irratti waan ...

Read More »

Mootummaan Kibba Suudanii ijoollee butamtee turte 100 oli bakka jiran arguu beessisan.

Baatii dabarte ijoolleen 100 olii tan hidhattoota gosa morlee tiin Itoophiyaa keessaa butaman; fayyaaf haala gaarii irra jiraachuu fii waraanni itoophiyaa daangaa Suudaan Kibbaa qaxxaamuranii Suudaan Kibbaa seenu Gaazeexaan Biluumbarg Tarminaal yaada dubbataa piresedaantii akeekuun gabaaseeti jira. BBC niis haga ammaa ijoolleen 41 argamuu gabaaseeti ture. Waraanni Itoophiyaa hayyama mootummaa Suudaan Kibbaatiin daangaa qaxxaamuranii ijoollee akka barbaadaa jiran hubachiisan. Haatahuu ...

Read More »