Author Archives: Central

Mootummaan Awutraaliyaa fii Kanadaa lammiileen isaanii akka biyya Itoophiyaa hin dhayne hubachiisan.

Mootummaan Awustralia balaa guyyoota 15 dura naannoo gaambeellaatti jiraattota 208 oli ajjeeftee joollee fii dubartoota 108 butanii irraa kan ka’een lammiileen isaanii akka biyya Itoophiyaatti hin imalle beeysisa baasan. Ministeerri haajaa alaa fii ministeerri daldala biyya awustiraaliyaa beessisa baasaniin namoonni biyya Itoophiyaatti emalan osoo hin deemne dura barbaachisummaa fii haala imaltuu isaanii sirritti qorachuu akka irraa eeggamu hubachiisan. Murni Alshabaab ...

Read More »

Barsiiftonni magaalaa Dasee kan hiriira mormii bahuu fii mormii hujii dhaabuu gaafatan shoorarkaa keessa seenan.

Waldayni barsiiftota bulchinsa magaalaa Dasee walgahii waliigalaa sadaffaa Ebla 22 bara 2016 tti taasisanii ti turan. Walgahii marii irratti hooganoonni waldaya barsiiftota mana baromsa 33 ; bakka bu’oonni Biaadin magaalaa Dasee; hoogganoonni baromsaa fii nagaha eedddonni argamaniiti jiran. Ijoon walgahii filannoo waldaya barsiiftotaa taahuus akkuma mariin eegalamteen barsiiftonni walgahii itti fufuu hin dandeenyu jechuun mormii dhageessisan. Hoogganoonni waldaya barsiiftotaa ,” ...

Read More »

Obbo Okeello Akawaay mana murtiitti ibsa Kennan.

Pirezidaantiin naannoo Gaambeellaa duraanii Obbo Okeelloo Akuway dhumaatii uummata Gaambeellaa ilaalchisee mana murtiitti ibsa kennan. Adeemsa dhaanichaa jal’isuun, ragaa sobaa uummtaaf akka dhiheessan taassifamuu isaanii fi yakki dhumaatii uummata irratti raawwatame nagaa waan isaan dhorkeef, pirezidaantummaa isaanii dhiisanii daangaa ce’uun baqachuu isaanii mana murtiitti barreefamaan dhiheessaniiru. Waxabajjii 1978 narsii ta’uun hojii mootummaa jalqabuun hanga bulchaa naannoo ta’utti waggoota 18 mana ...

Read More »

Ajjeechaa fi Dhiittaa Mirga Dhala-namaa Hamaa Gaalkaayyoo Keessaa Baqattoonni Himatan

Portlaand magaalaa Gaalkaayyoo keessa kanneen jiran baqattoonni Oromoo, baqataan Oromoo Mohammed Huseen Adam jedhamu, jalqaba baatii kanaa irratti nama kan biraa Somaalee tokko waliin humnoota hidhataniin hoteela keessaa hojjetan tokko keessaa butamee fudhatamuu isaa fi torban lama booda, reeffi isaanii hospitaala keessatti argamuun hubatame. Akka baqattoonni kun jedhanitti, obbo Mohammed butamee fudhatamuu isaa dura hoggantoonni mootummaa Sa’iid Alii Yusuuf jedhamu ...

Read More »

Seerri to’annaa itti fayyadama Internetii kan bahe mormitootaa fi gaazixeessitoota to’achuuf jedhame.

Wixineen seera ittiin bulmaata interneetii dhihoo kan mana maree uummaataaf dhihaate mormitoota paartilee siyaasaa biyya keessaa, gaazexeesitootaa fi sagalee fayyadamtoota weebsaayitootaa ukkaamsuuf akka ta’e gaazexaan ook Afrikaa Keeniyaatti maxxansamu gaabaase. Itoophiyaatti labsii seera yakka Kompiwuutaraa jedhamee kan waamamu wixineen seera ergaa barreefamaa bahe fudhatee kan bittinneessu seeraan akka adabamu hima. Gaazexaan ook Afrikaa “biyya bunaa malee dhihootti biyya itti fayyadama ...

Read More »

Dhaabbatni mootummoota gamtoomanii ajjeechaa Gaambeellaatti raawwatame balaaleffate.

Komishinin baqattoota mootummoota gamtoomanii ajjeechaa dhihoo kana Gaambeellaatti raawwatame balaalefatee, naannoo sanattis akka nageenyi bu’uuf waammicha dhiheesse. Komishiniin baqattoota mootummoota gamtoomanii ibsa Roobii dhaabbilee sab-quunnamtiif ergeen, walitti bu’iinsa naannoo Gaambeellaatti daangaa ce’uun uumameen jiraattotni Itoophiyaa kuma 21 caalan buqqa’uu isaanii beeksise. ESAT dhihoo kana akka gabaasetti jiraattotni aanaalee godina Nuweer maalaawee, Jiinkaa fi Laaree keessa jiraatan lammileen Itoophiyaa buqqa’uu isaa ...

Read More »

Obboo Okeeloo Akuwaay fii namoota 7 tti hidhaan bara sagalii itti murtaawe.

Obboo Okeeloo Akuwaay bulchaan naannoo Gambeellaa durii fii namoonni 7 kan biro himannaa shoorarkeessummaa tiin hidhaa bara torbaa irraa hanga bara sagalii tiin adabamanii jiran. Hidhamtootni himannaa shoorarkeessummaa tan itti dhihaatte diduun akka badii hin hojjatin ragaalee waliin dhiheeffataniis manni murtii jalaa diduun yakkaan adabeeti jira. Bulchaan naannoo Gambeellaa durii fii namoonni torban kuni , bulchinsa gaambeellaa biyya irraa buqqisuu ...

Read More »

Lammileen Itoophiyaa Taanzaaniyaa irraa gara Keeniyaa geeffaman gara Taanzaaniyaatti deebifamuuf akka taa’an himame.

Torbaan dabre baqaattoota 70 lammii Itoophiyaa kanneen mootummaan Taanzaaniyaa daangaa Keeniyaa gubbaa qubachiifte turte deebi’anii gara Taanzaaniyaa akka deebifaman hoggantoonni keeniyaa irra deebi’uun ibsan. Biyyoonni lamaan waa’ee lammilee Itoophiyaa kanairratti waliigaltee dhabuu keessa jiraatanis ministeerri dhimma alaa Itoophiyaa garuu waa’ee baqattoota kanaa oddeeffannoo akka hin qabne beeysise. Haa ta’huu malee baqattoonni kun gara daangaa Keeniyaa akka hin seenne eegaa kan ...

Read More »

Namoonni Hidhamanii Mana Murtii Duratti Hin Dhiyaatin Maakelaawii fi waajiira Polisii Finfinnee Keessa Hedduun jiraachuun barame.

Mormii master pilaanii magaalaa Finfinnee tiin eegalamtee Oromiyaa keessaatti ji’oottan shan lakkaawwattee baatii jahaffaaf deemtuu waliin hidhata qabdan jechuun namoota hidhaman hedduuf abukaatoo seeraa ta’uun kan dhaabataa jiran Obbo Wandimmuu Ibsaa guyyaa Kibxata Ebla 26 bara 2016 qofa Oromoota jahaatamii sagaliif dhaabachuu isaanii dubbatani jiran. Obboo Wandimmuun walumaa galatti hidhamtoota 105 kanneen himannaan shoorarkeessummaa irratti dhihaate akka tajaajilaa jiran hubachiisan. ...

Read More »

Lammileen Itoophiyaa Taanzaaniyaadhaa gara Keeniyaa geeffaman deebi’anii gara Taanzaaniyaatti deebi’uuf akka ta’e himame.

Torbee darbe mootummaan Taanzaaniyaa daangaa Keeniyaa akka qubatan kan taassise baqattootni Itoophiyaa 70 ol deebi’anii gara Taanzaaniyaa akka dhaqan hoggantootni keeniyaa irra deebi’uun ibsan. Biyyoonni lamaan waa’ee lammilee Itoophiyaa kanneen waliigaltee dhabuu keessa jiraatanis ministeerri dhimma alaa Itoophiyaa garuu waa’ee baqattoota kanaa oddeeffannoo akka hin qabne beeksise. Haa ta’u malee baqattootni kunneen gara daangaa Keeniyaa akka hin galle eegicha taassisaa ...

Read More »