Ministirri Muummee Israa’el Beenjaamiim Neetnaahuu dawwanaan tibba kana gaggeessa jiran, qondaalli Israa’el yemmuu biyyoota Afriikaa sahaaara gad jiran daawwatu inni kun seenaa waggaa 30 keessatti isa jalqabaa ti jedhamee.

Ministirri Muummee Israa’el wiixata Keeniyaa daawwachuun eegalan guyyoota sadan dhufan keessatti Itoophiyaa fi Ugaandaa akka daawwatan Washington Post gabaasee jira.
Daawwii isaanii Ugaandaatiin hooggantoota biyyoota Afriikaa torba waliin akka mari’atan fi marii kanaan immoo dame teeknooloojii fi Nageenyaatiin muuxanno biyyatti akka hiraniif beekameera.
Gama biratiin Israa’el michuu haaraa Afriikaa imaammata ishee hin qeeqne akkasumas sadarkaa addunyaatti gama dipiloomasiitiin ishee deggeran akka barabaaddu beekameera.
Daawwiin fi deggrsi Israa’el yeroo ammaa Afriikaa irra barbaaduuf murtesite kun michummaan isheen yeroo dheeraa ta’an kanneen akka United States fi Gamtaa Awuroophaa waliin qabdu yeroo dhihoo as qabbanaa’uu isaa irra akka ta’e gabaasini Washington post dubateeraa.
Gamtaan Awuroophaa fi Ameerikaan, Israa’el paalestaayin waliin waliigaltee nageenyaa hojii irra oolchuu dhiisuu ishee fi West Baankii keessatti ijaarsa qabiyyee Jewishota itti fufee isheef qeeqaa jiraachuun ni beekama.

Israa’el kanaan dura biyyoota Afriikaa 40 waliin michummaa akka qabdu fi daawwanaa Neetanaahuu amma kanaan baayinna michoota ishee gara biyyoota 54 tti ol guddisuuf akka hojjettu beekameera.
Daawwiin Neetanaahuu amma kun, Afriikaa keessatti investmentii diinagdee guddisuuf akka ta’e himuun,Neetnauun utuu imala hin eegalin biyyoota Afriikaa waliin michummaa diinagdee cimsuuf mallaqa biyyatti shekel biliyoona 50 raggasaniiru.
Hogganaan Kaampaanoota 70 Israa’el Neetnaahuu waliin Afriikaatti daawwanna gochaa jiran kibxata kana hooggantoota biszinasii Keenyaa waliin mari’ataniiru.
Daarektarri waajjjira Mimistira Muumee Israa’el akka himanitti, kaayyoon ijoon daawwannaa Afriikaatti godhamaa jiru kanaa kaampaanonni Israa’el Afriikaa keessatti akka hojii investmentii adda adda hojjetaniif daandii saaquu dha jedhan.
Neetnaahuun akka himanitti, Ardiin Afriika hojii investmentii Israa’eeliif mijatuu akka taate fi bu’aa biyyoota lamaaniif jecha biyyonni Afriikaa Israa’ellif akka balbala isaanii banan gaafataniiru.
Keeniyaan akka beeksiftetti gocha shororkesummaa Alqaayidaa fi Alshabaab Somaliyaa keessatti waliin ta’uun raawwatan yaaddoo keeniyaa akka ta’e hamanii, haleellaa achin raawwatu ittisuuf ijaarsa dallaa kiloomeetira 700 daangaa Soomaliyaa irratti ijaaruuf jettu Israa’el akka gargaartu barbaaddi.
Akka Pirezadntiin Keeniyaa jedhanitti, Israa’el Gamtaa Afriikaa keessatti gahee taajjabummaa akka argattuuf dhiibba akka godhan beeksisaniiru.
Israa’el fi Paalestayin Gamtaa Afriikaa keessa gahee tajjabummaa kan qabaachaa turan yemmuu ta’u, dhiibba pirezdantii Liibiyaa duraanii Mu’ammar Gadaafiin akka keessa bahan ni yaadatama.
Karaa biratiin namooni kanan dura itoophiya irraa gara isra’el deeman 400 ol ta’an hacuucadhaaf loogii isaan irraa gaha jiru mormuudhan isra’el gidduu kana keessaati hiriiraa bahanii mootummaa biyyatii balaleffachuun isaani gabaseme jiraa