Roobni bakkee biroo roobe galaana guddaa uumee riqicha magaalaa dirree dhawaa walitti hidhu waan caccabseef magaalaan rakkoo keessa jirti.

Magaalaa Dirree Dhawaa dhiheenya kana sababaa galaanaatiin rakkoo keessa seenaati jirti.
Guyyaa kamisa dabre akka sa’aa biyyaatti guyyaarra sa’aa 7 tti gaallaanni osoo hin beekkamin rooba aanaa Laangeeyii fii Calanqo roobee magaalaa Dirree Dhawaa dhufeen kan ka’e riqichi magaalaa walitti hidhu waan diigameef jecha magaalan iddoo lamatti adda citeeteti turte.Namoonno galaana ijaan arganii vidiyoo kaasan miidyaalee gara garaa irratti maxxansati jiran.
Galaanni kuni Riqicha bara dheeraa dura Xaaliyaan tolche turbaan dura jiiysee waan hafe guyyaa kamisaa haxaawee waan dhabamsiiseef qunnamtiin magaalaa rakkoo gudduu keeysa seente. Konkolootonni hedduun galaana gamaa gamanatti adda citanii dhaabbachaa turuu oduun dirree dhawaarraa nu geeyse addeeysite.
Konkolaatonni Jibuutii meeshaa fe’enii deeman fii taaksiileen hedduun galaana gamaa gamanatti adda citaniti jiran.
Galaanni guddaa waan tureef balaqee gandeen keeysa akka seene warri ijaan argan himaati jiran.
Akka ogeeyyiin Qilleensaa ibsanitti robbni yaroo dheeraaf waan hin roobiniif jecha dachiin waan goggoydeef bishaan liqimsuu dadhabuun kan ka’e akkasuma mayraafii mukkeen silaa bishaan qabu lafarraa waan badaniif bishaan dachiirra fiiguun galaan hin eeggamin guddaa akka uume himan.
Bara 10 duraas Magaalaa Dirree dhawaa tanatti balaa galaana roobaatiin jiraattonni 200 oli akka galaafatamni turan ni yaadatameera.

Baatii dabarti magaalaa Jijjigootti galaanni lubbuu namoota 28 ajjeesuun namoonni 50 oli tahan yeroof achi buuteen isaanii dhabamuu odeeyfannoo irate gabaafamuun ni yaadatama.
_____