Dhaabni Mirga Namaa falmu Amnesty International Mootummaan Itoophiyaa Obboo Yoonaataan Tasfaayee Raggaasaa haal duree tokko malee akka gadi dhiifamu gaafatan.

Dhaabni mirga namaa tiif falmu amnesty international obboo Yoonaataan kan yaada isaa marsaa hawaasaa Facebook dhunfaa isaa irratti maxxanseen qabamee;
hidhamuu isaa ciminaan balaaleffachuun haal duree tokko malee akka gadi dhiifamu gaafatan.
Ibsa Amnesty International guyyaa kaleessaa baaseen akkaataa mootummaan Itoophiyaa seera farra shoorarkeessummaa karaa badiitiin dhimma itti bahaa jirtu balaaleffachaa obboo Yoonataan bilisaan yaada dhunfaa isaa Facebook irratti waan barreesseef jecha himannaan farra shoorarkeessummaa kan yakka hidhaa umrii fii hanga du’aa irratti banameeti jira.
Obboo Yoonataan miseensaafii hoogganaa akkasuma dubbataa dhaaba Blue Party dhaaba seeraan biyya keessatti karaa nagayaatiin mootummaan mormaa jiru irraahi.

Obboo Muthoni Wanyeki hooganaan amnesty international damee baha Afrikaa Mootummaan Itiyophiyaa Paartilee yokaan Namoota isaaniin morman hundaan Shororkeesitootaa jechuun moggasa je’ee ibsuun Yoonaataan Saaminsa lafaa biyyatti keesatti Mootummaan geggeeffamaa jiru Mormee barreesuun yakkaa mitii barruun isaa gocha Shororkeessummaas ta’uu hin danda’uu jechuun hubachiisan.
Obboo Yoonataan ABO waliin hidhata tokkoollee hinqabu jechuun namoota haala kanaan qabamanii mana hidhaa biyyaa gara garaa keeysa jiran irra dararaan hamaan akka irra gahaa jiru dhaabni Amnesty international kun guyyaa kaleeysaa gabaase.