Itoophiyaan utuu mirga dhala namaa sarbituu fi Mootummaa abbaa irree taatee jirtuu, Waxabajjii 28 bara 2016 waggoota lamaan dhufaniif miseensa dhaabbii hin taane kan Mana Marii Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota gamtoomanii ta’uun filatamuun dogongora akka ta’e dhaabi mirga namaaf falmu Human rights watch beeksiseera.

Itoophiyaan mirga dhala namaa sarbuu fi sgalee bilisaa ukkamsuun Mootummota abbaa irree addunyaa kanaa irra tokko taate utuu hin jirtuu, miseensa mana marii nageenyaa sadarkaa addunyaatti beekamaa ta’uun addunyaan garamitti akka deemaa jirtu kan agarsiisuu akka ta’e mul’isa.
Ji’oota torba darban qofaa Mooormii Oromiyaa keessatti ka’een daa’immaan fi dubartiin ulfaa utuu hin hafin, namoonni 400 ol humnoota nageenyaan gara laafina tokko malee akka ajjeffaman raga yeroo dhihoo akka ta’ee beeksise.
Itoophiyaa Afriikaa keessa gaazexxesitoota hidhuun sadarkaa jalqbaa irra jirtu, waldaalee hawwaassa biyyattii keessaa baalleessuun seera farra shororkesummaa ofumaa baafate mormitoota karaa nagaa socho’an ittiin hidhuuf itti fayyadamteetti.
Tarkaanfiin reebicha hamaa(torture) fi namoota bakkuma arganitti qabanii hidhuun akka cimee itti fufee jiru beeksisuun, torbe lama dura dhaababnni Human Raayitis Waachi gabaasa baaseen ajjaechaa loltonni Agaazii baratoota Oromoo irratti raawwataniin namoonni 400 ol ta’an ajjeeffamuu fi kumaatamaan kan lakka’aman man hidhaa beekama fi dhoksaatti hidhamaanii dararaa adda addaa argaa akka jiran beekameera.
Mootummaan bara 2005 dhibeentaa 100 n filannoo biyyaalleessaa sadarkaa naannoo fi Federaalaatti mo’adheera jedhu gaaffii ummanni karaa nagaa gaafateef tarkaanfii ajjecha fi hidhaa fudhachuu dhaabbanni kun yaadachiise jira.
Gabaasi sobaa Koomishiiniin mirga namaa Itoophiyaa baasee fudhatama waan hin qabneef ajjechaa Oromiyaa keessatti raawwate sana dhaabbani bilisaa ta’e fi gargaarsa addunyaa qabu akka irra deebiin qoratu dhaabbanni kun gaafateera.
Itoophiyaan akka miseensa Mana Marii nageenyaa dhaabbata Mootummota taate jirtutti, sarbamiinsa mirga dhala namaa biyyatti keessatti raawwachu jiru dhoksu akka qabne kan gaafate dhaabbanni kun, qorannoo gareen torture fi walgayii karaa nagaa qoratamuuf jiruuf balbala ishee banuu akka qabdu gaafateera.
Oduu biraatin immoo dabbannii mirgaa gazexesootatif falmu CPJn ibisaa baseen mootummaan itoophiyaa june 19,2061 jalqabee to’annoo jala kan oolchee gazexeessaa televijiinii Somaliland Horn cable Newsf ojjatu Farhah Ali Ahmad akaa mana hidhaatii gadi dhiisuu gafachuun isaa bekameera.