Lammiileen Itoophyaa12 fi lammiileen Ertiraa 25 seeraan ala nama daddabarsu jedhamanii shakkaman to’annoo poolisii Xaaliyaanii jala ooluu isaanii gabaasnii Rooyitar kibxata tamsaase beeksiseeraa.

Namoonni seeraan ala namoota daddabarsan jedhaman to’annoo jaa oolan kunneen yakkoota baala sammu namaa haddoochuu daddabarsuu fi maallaqa seeraan ala daddabarsuu akkasumas seeraan ala baqattoota gara Xaaliyaan galchuudhaan jedhameera.
Poolosiin Xaaliyaanii ragaan lammii Ertiraa bara 2014 qabamee Xaaliyaan keessatti hidhamee irra argate irraati hunda’udhan sakkata’iinsa mana shitoo tokko irratti gaggeesseen maallaqa yuurootif doolara kuma dhibbati lakawamuu odeeffannoo adda addaa wajjin argachuu isaa beeksisee jira.
Haaluma kanaan neetwoorkii fi teessoon garee namoota seeraan ala daddabarsanii argamuun beekameera.

Baqattonni Afriikaa dha gara Awuroophaatti goodaanan hedduun Liibiyaa irra ka’uun karaa galaana Meeditiriniyaanii irra goranii xaaliyaanii akka gahan fi bara kana qofaa baqattonni kuma 60 ta’an biyya Xaaliyaan akka galan gabaafameera.
Ji’a caamsa darbe kana baqattonni Liibiyaa irra ka’uun dooniidhaan gara Awuroophaatti imalaa turan keessaa gaalaana Meeditiriyaanii irratti dooniiwwan 3 yemmuu liqimfaman namoonni 700 akka dhuman gabaasuun keenya ni yaadatama.
Bara darbes bifuma wal fakkaatuun baqattoota Afriikaa gara Awuuroophaa imalaa turan keessaa kuma tokko fi dhibba sadii kan ta’an akka dhuman ni yaadatama.