Dhaabbatni mootummoota gamtoomanii ajjeechaa Gaambeellaatti raawwatame balaaleffate.

Komishinin baqattoota mootummoota gamtoomanii ajjeechaa dhihoo kana Gaambeellaatti raawwatame balaalefatee, naannoo sanattis akka nageenyi bu’uuf waammicha dhiheesse.
Komishiniin baqattoota mootummoota gamtoomanii ibsa Roobii dhaabbilee sab-quunnamtiif ergeen, walitti bu’iinsa naannoo Gaambeellaatti daangaa ce’uun uumameen jiraattotni Itoophiyaa kuma 21 caalan buqqa’uu isaanii beeksise.

ESAT dhihoo kana akka gabaasetti jiraattotni aanaalee godina Nuweer maalaawee, Jiinkaa fi Laaree keessa jiraatan lammileen Itoophiyaa buqqa’uu isaa pirezidaantiin naannoo Gaambeellaa obbo Gaatluuwik Tuuti wabeefachuun himeera.
Tarkaanfii hidhattoota gosa uummata Mulee fi Diinqaa jiraattota naannoo Gaambeellaafi uummaata Nuweerii irratti raawwatame jedhamee namootni 208 ol ajjeefamuun isaanii kan yaadatamu yoo ta’u, daa’immanii fi dubartoonni 108 caalan ukkaamsamuun fudhatamuu isaanii dhaabbilee sab-quunnamtii addunyaan gabaasamaa tureera.

Mootummaan Itoophiyaa miseensota uummata Muleer miidhaa geessisaniiru jedhaman irratti tarkaanfii fudhanna, bakka daa’imman itti qabamanis marsineerra, akkasumas yeroo dhihoo keessatti gadhiissifna jedhus hanga gabaasni kun qindaa’etti humnootni ittisa Itoophiyaa Sudaan keessa seenuu fi bakka sana marsuu isaanii ragaan agarsiisu hin jiru.

Mootummaan Sudaan namoota 108 Gaambeellaadhaa fudhataman deebisiisuuf Itoophiyaa wajjin walii galuun kan danda’u hunda akka raawwatu dubbatee ture.

Komishiniin baqattoota mootummoota gamtoomanii Gaambeellaa bakka miidhaan itti raawwatamee fi naannoo baqattoonni Sudaan Kibbaa jiraatanitti nageenya buusuuf hidhattoota mootummaa achi jiran galateeffachuun, hidhattootni mootummaa kunneen osoo jiraachuu baatanii lubbuun namoota hedduu baduu akka danda’u ibsan.

Naannoon Gaambeellaa baqattootni Sudaan kibbaa kuma 272 ol kan keessa jiraatan yemmuu ta’u, baayyeen isaanii bara 2013 walitti bu’iinsa waliin taassifame booda gara Itoophiyaa kan galanidha.

Komishiniin baqattoota mootummoota gamtoomanii nageenyii fi tasgabbiin sudaan Kibbaatti akka ta’u hawwii isaa ibsuun, baqattootni kunneen gara biyya isaanii Sudaan kibbaatti akka deebi’an, hanga sanatti garuu hawaasni addunyaa baqattoota kanneeniif harka gargaarsa isaa akka bal’isu gaafataniiru.