Obboo Okeeloo Akuwaay fii namoota 7 tti hidhaan bara sagalii itti murtaawe.

Obboo Okeeloo Akuwaay bulchaan naannoo Gambeellaa durii fii namoonni 7 kan biro himannaa shoorarkeessummaa tiin hidhaa bara torbaa irraa hanga bara sagalii tiin adabamanii jiran.
Hidhamtootni himannaa shoorarkeessummaa tan itti dhihaatte diduun akka badii hin hojjatin ragaalee waliin dhiheeffataniis manni murtii jalaa diduun yakkaan adabeeti jira.
Bulchaan naannoo Gambeellaa durii fii namoonni torban kuni , bulchinsa gaambeellaa biyya irraa buqqisuu fii gaambeellaa diiguuf carraaqaa turan jechuun manni murtii yakkaan adabeera.
Murtii tanaan obboo Okeeloo fii Deevid Ujuluu adaba bara sagaliitiin yoggaa adabaman namoonni shanan hafan hidhaa bara torbaa tiin yakkamuun barame. Hidhamtoonni bara lama dura qabaman kuni naannoo Gaambeellaatti sossooha bilisumma baaftuu hidhannoo waraanaa eegaluuf biyyoota gara garaa keessa sossoohaa turan jechuun akka himataman odeeffannoon biyyaa ibsaati jirti.
Rakkoolee gosa Nuweerii fii Anyuwaak iin ajjeechaa lubbuu namoota 400 tiif bulchinsi naannoo Gaambeella durii qooda guddaa qaban jechuun himannaa itti dhiheessaniiti jiran.
Obboo Okeeloon iyyata mana murtii tti galfateen angoo Piresedaantummaa naannoo Gaambeellaa bara 2004 sababaa Muummichi biyyaa durii Mallas Zeenaawii waayee ajjeechaa fii duguuggaa sanyii ummata Gaambeellaa akka kijibuuf dirqeef tahuu ibsuun yaada isaa mana murtiitti dhiheesseeti ture .
Haatahuu malee bulchinsi naannoo Gaambeellaa durii himannaa itti dhihaate waakkachuun badii akka hin hojjatin iyyataniis manni murtii iyyannaa isaanii jalaa didanii yakka akka itti murteesan baramee jira.