Ajjeechaa fi Dhiittaa Mirga Dhala-namaa Hamaa Gaalkaayyoo Keessaa Baqattoonni Himatan

Portlaand magaalaa Gaalkaayyoo keessa kanneen jiran baqattoonni Oromoo, baqataan Oromoo Mohammed Huseen Adam jedhamu, jalqaba baatii kanaa irratti nama kan biraa Somaalee tokko waliin humnoota hidhataniin hoteela keessaa hojjetan tokko keessaa butamee fudhatamuu isaa fi torban lama booda, reeffi isaanii hospitaala keessatti argamuun hubatame.
Akka baqattoonni kun jedhanitti, obbo Mohammed butamee fudhatamuu isaa dura hoggantoonni mootummaa Sa’iid Alii Yusuuf jedhamu haleellaa garee Al-shabaabiin, hoteela Mohaammad keessaa hojjetu biratti ajjeefame.
Haati-warraa Obbo Mohaammed, Munaa Yaasin, akkuma abbaan manaa ishee dhabametti gara hoteelichaa deemtee yemmuu gaafattu, abbaan hoteelichaa waraana mootummaatiin fudhatamuu isaa itti hime, kan jedhan baqattoonni kun, “booda yemmuu mootummaa gaafannu garuu, kan gocha kana raaww’ate gurmuu milishaa yookaan hidhattoota ta’uu nutti hime” jedhan.
ergasii booda, humnaan gudeeddii dabalee, miidhaan adda addaa baqattoota irratti kan raaw’atamaa jiru ta’uu himan.
Himannaa baqattootaa kanaaf waajjira poolisii magaalattii irraa deebii argachuuf, itti-gaafatamaa poolisii maqaan “Traafikoo” jedhamuun beekamanitti deddeebisnee bilbilluyyuu deebii hin arganne jedhu.
Waajjira Dhimma Baqattootaa kana dhaabbata Mootummoota gamtoomanii magaalattii keessa jirutti, hojjetoota jaarmayichaa argannee turre.
“Akka mootummaan nuun jedhetti, kan baqataa Oromoo – Obbo Mohammed Huseen Adamii fi nama Somaaliyaa kan biraa hoteela isaan keessaa hojjetan keessaa fuudhee deeme, kan mootummaatti hidhata hin qabne – garee milishaa naannoo sanaa ti.
Garuu, qulqulleeffachuuf mootummaan qorannoo itti fufee jira” nuun jedhan, daran ibsa argachuuf akka hooggantoota dhaabichaa ol’aanoo gaafannu nutti himan jechuun dubbatan.
Haaluma kanaan, Jimaata dabre, kan magaalaa Naayiroobii keessa jiru – waajjira dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti- bilbille, Dhimma isaa gad-fageenyaan qorachuuf eega guyyoota haga tokko fudhatanii booda, obbo .Nikoosiyaan barreeffamaan deebii armaa gadii naaf kennan jedhu.
Dhaabbatni mootummoota gamtoomanii baqataan Oromoo tokko, nama biraa tokko waliin butamee fuudhamuun ajjeefamuu isaa mirkaneeffatee jira.
Poolisii fi hooggantootni Mootummaa Portlaand dhimma kanatti ciminaan ilaalcha kennanii hojjechaa jira jechuun akka qorannaan itti fufee jiru nuuf ibsan.
Kana malees, Mootummaan – maatii namni jalaa du’eef gargaarsa awwaalchaa barbaachisu gochuudhaan, akkasumas – bakka-bu’oota hawaasaa baqattootaa mari’achiisuudhaan, namoota yaaddoo qaban mara gargaaruuf akka ciminaan hojjetaa jiru odeeffannoo argachuu isaanii ibsan.
Akka hoogganaan dhaabbata mootummoota gamtoomanii kun, Naayiroobii irraa ibsanitti – Mootummaan, qaamoota dhimmi isaa ilaallatu, fi qaamota gargaarsaa namummaa biroo waliin qindeeffachuudhaan, eegumsa nageenyaa baqattoota sanaaf daran cimsee jira.

Walitti-bu’insaa fi haleellaa shororkeessitootaa dhihoo kana naannawaa sanatti geggeeffamee fi doorsisni itti fufee jiru, jireenya baqattootaa irratti qofa osoo hin taane, hojjetootaa fi waajjiraalee dhaabbata Mootummoota gamtoomanii irratti illee dhiibbaa hamaa uumee jira kan jedhan, Piyeer Lukaas Nikoosiyaa Gaalkaayyoo keessatti gochaan loogii, humnaan gudeeddii fi hookkarri saala irratti hundaa’e baqattoota irratti geggeeffamu yoo adda-baafamee beekame, Jaarmayaan Dhimma Baqattootaa Tokkummaa – dhaabota gargaarsa namoomaa fi jaarmayaalee kan biroo wajjiin wal-gargaaruun, miidhaa mirga namoomaa raaw’atame irratti akka tarkaanfiin fudhatamuu fi kanneenmiidhaman immoo akka gargaarsa argatan taassisna jedhan.