Namoonni Hidhamanii Mana Murtii Duratti Hin Dhiyaatin Maakelaawii fi waajiira Polisii Finfinnee Keessa Hedduun jiraachuun barame.

Mormii master pilaanii magaalaa Finfinnee tiin eegalamtee Oromiyaa keessaatti ji’oottan shan lakkaawwattee baatii jahaffaaf deemtuu waliin hidhata qabdan jechuun namoota hidhaman hedduuf abukaatoo seeraa ta’uun kan dhaabataa jiran Obbo Wandimmuu Ibsaa guyyaa Kibxata Ebla 26 bara 2016 qofa Oromoota jahaatamii sagaliif dhaabachuu isaanii dubbatani jiran.
Obboo Wandimmuun walumaa galatti hidhamtoota 105 kanneen himannaan shoorarkeessummaa irratti dhihaate akka tajaajilaa jiran hubachiisan.
Himannaan hidhamtoota irratti dhihaate hundi gare garetti addaan qoodamaniis waan wal fakkaatuuf abokaattoo dhaabbachuu fiin rakkisaa akka hin tahin himanii jiran.
Obboo Wandimmuun mana hidhaa Qilinxoo deemanii kanneen guyyoota afuriif dukkana keessatti hidhamnee turran Obboo Baqaa waliin Arfan araganii kutaa dukkanaa keessaa baafamuu isaanii naaf ibsan ja’aniiru .
Mana hidhaa Maakalaawii fi waajiira polisii Finfinnee keessatti namoonii mana murtiitti osoo hin dhihaatin hidhamaa jiran heduun Godinaalee Oromiyaa adda addaa irraa qabamanii hidhaa jiran kan maatiin isaanii eessa akka jiran hin beekne akka jiran Obbo Wandimmuun hubaciisan.
Obboo Wandimmuun hidhamtoota Obbo Baqqalaa Garbaa jalatti himataman digdamii lama, barattoota univarsitii Finfinnee fi Madda walaabuu soddomii tokko, naannoo Bolee Bulbulaa irraa nama soddomii sadii, Amboo fi naannoo irraa kudha ja’a akkasumas Amboo irraa dabalataan kanneen biroo diigdam akka jiran dubbatan.
Gaafuma san hidhamtoonni galmee Obboo Tasammaa Raggaasaa jalatti sababaa walfakkaatuun himataman oromoonni 16 mana murtii Lidataa kanatti dhihaatanii turan.
Yaroo ammaa kana kan heeraan beekkaman fincila diddaa gabrummaatiin wal qabatee hidhamtoonni Oromoo 180 tahan mana hidhaa Qilinxoofii mana hidhaa Poolisii finfinnee kan naannoo Maaikalaawii keessa hidhaa jiraachuun barameera.