Barsiiftonni magaalaa Dasee kan hiriira mormii bahuu fii mormii hujii dhaabuu gaafatan shoorarkaa keessa seenan.

Waldayni barsiiftota bulchinsa magaalaa Dasee walgahii waliigalaa sadaffaa Ebla 22 bara 2016 tti taasisanii ti turan.
Walgahii marii irratti hooganoonni waldaya barsiiftota mana baromsa 33 ; bakka bu’oonni Biaadin magaalaa Dasee; hoogganoonni baromsaa fii nagaha eedddonni argamaniiti jiran.

Ijoon walgahii filannoo waldaya barsiiftotaa taahuus akkuma mariin eegalamteen barsiiftonni walgahii itti fufuu hin dandeenyu jechuun mormii dhageessisan.
Hoogganoonni waldaya barsiiftotaa ,” nuti amma booda filannoo hin feenu, Ehaadig bara 25 nu bulche, jijjiirraa takkallee hin arginee nuuf gahe, misoomaa fii guddinni hin jiru, nuti beelaan rakkachaa jirra, nuti waldayoota keeyna caaseysuu hin feenu,waldayoonni keeyna siyaasaa irraa walabaa miti, ja’anii dhaadannoo agarsiisuun keeysattuu qulqullumina fii cimina baromsaa taasifna osoo jennuu barsiiftota sirnaan baromsa isaanii hin xumuratin hujitti ramaduun lammiilee biyyaa boodatti deebisaa waan jiraniif jecha gochaa kana dura dhaabbachuuf mirga heerri biyyaa nuuf hayyameen mormii nagahaa geggeessuu keeyna isin beessifna jechuun ibsaniiti jiran.

Eega barsiiftonni mormii dhiheeysan booda namoonni tooyannoof marii irratti argaman bakka bu’aan BIAADIN ,hoogganaan baromsaa fii, itti aanaan akkasumaas dabballoonni mootummaa waldayoota barsiiftotaa sodachisaa ukkaamsuun mariin akka isaan yaadanitti akka geggeeffamtu tattafachaati turan.

Dhaadannoo malee humaa fiduu hin dandessan hujii dhaabuu fii hiriira nagahaa bahuus hin dandeessan jechuun hoogganoonni mootummaa barsiiftota sodaachisuun hubachiisan. Walgahii booda barsiiftonni mana baromsa sadarkaa lammaffaa tokko mormii hujii akka dhaaban barruun ibsanii akka jiran barsiiftonni ibsan.

Haala kanaan nagaya eeddonni heddomminaan ramadamuun eegmaya cimaa geggeessaati jiran. Rakkoo jireenyaa fii bulchinsaatiin barsiiftonni dararamaa jiran gaafiilee gara garaa dhiheeffataniis mootummaan haalli gaafii yaaddessuun kan ka’e barsiiftotaaf tajaajila qubsumaa fii geejjibaa akka sirreessaniif hubachiisan.