Morokoottii Kampaaniin Sheek Mahammad Huseen Al-Amuddiin Boba’aa Qulqulleessuu Mana Murtiin akka diigamu itti Murta’eera

Morokootti Kampaaniin hojii boba’aa qulqulleessuu irratti bobba’ee kampaanii Samiir Gurupp jedhamu qofa. Kampaaniin Sheek Mahammad Huseen Al-Amuddiin Koraal Peteroliiyaam Holdinigiis jedhamu Kampaanii Samiir Girupp kana keessa gahee dhibbentaa 67 waan qabuuf olantummaa bulchaa akka ture gabaafameera. Kampaaniin Samiir Gurupp Al-Amuddiin gahee dhibbeentaa 67 keessa qaban kun rakkoo maallaqaa isa muuddateen ji’a Adooleessa darbee jalqabee hojii dhaabeera. Mannii Murtii Morookoo rakkoo ...

Read More »

Pirizidaantiin Ugandaa fi Ijipt geejjiba saffisaa laga Naayeel Ugandaa hanga gaalaana Meditereniyaanii gahuu wajjiin fayyadamuuf waliigaltee mallatteessaniiru.

Walgalteen geejjiba saffisaa laga Naayeel Ugandaadhaa hanga buufata doonii Aleksizandariiyaa gahu kun baasii meeshaalee gara biyyaa alaatti ergamanii fi Alaa galaniif bahu hir’isuuf akka gargaaru himameera. Biyyoonni Laman walgaltee kana kan mallatteessan Pirizidaantiin Ijipt Abdul Fattaa Al- Siisii tibbaana Ugandaa wayita daawwataniitti ture. Waliigalteen kun filannoo sarara geejjibbaa biroo laga Naayeel irraatii biyyoonni laman wajjiin itti fayyadaman akka ta’e pirizedaantiin ...

Read More »

Kampaaniin Masfiin Injinaariin warshaa Konkolaataa Peejoo magaalaa Finfinnee Eebbisiiseera.

Qabeenya Paartii Addaa bilisaa baasaa Ummataa Tigraay kan ta’ee Kampaaniin Masfiin Injinaariingiin warshaa konkolaataa Peejoo lammaaffaa magaalaa Finfinneetti hundeessera. Kampaaniichi kana dura Itoophiyaatti Ambasaddaar Faransaayii bakka argamanitti Warshaa naannoo Tigraayitti hundeessee eebbisiisun isaa ni yaadatama warshaan konkolaataa Peejoo magaalaa finfinneetti hundeeffame kun waggaatti konkolattoota Peejoo kuma tokkoo fi dhibba lama akka omishu toori oduu interneeti bulchiinsa mootummaa Waayyaannee deeggaru tokko ...

Read More »

Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti jirattoonni manni isaanii maqaa misoomaatiin jala diigame mootummaan waada nuuf gale hin kabajne jechuun komatan

Bulchiinsa magaala Finfinneetti, jiratoonni naannoo Amerikaan Gibbii jedhamuu beekamu jiiratan mannii isaanii maqaa misoomaattin jala akka diigamee himaniiru. Mootummaan lafa mana itti ijaaratn jijjiraan akka isaaniif kennuu waada galuus hanga ammaatti hojiirra oolchuu hin dandeenye jechuun komatan Waraqaa ragaa abbaa qabeenyummaa isaanii mirkaaneessuu akka qaban Jiiratoonni kunniin himaniiru. Lafti mana irratti ijaaratan jijjiraan waan isaaniif hin kennamneef rakkoolee hawaasummaaf saaxilamusaanii ...

Read More »

Naannoo Gambeellatti dhaabbilee maqaa misoomaatiin lafa fudhatan keessa 29 bakki isaan jiran hin beekamu jedhameera.

Naannoo Gambeellaatti dhaabbilee maqaa Invastimantii qonnaatiin lafa fudhatna keessaa 29 eessaa akka jiran akka hin beekamne koreen haala kenninisa lafa fi rakkoo jiru akka qoratuuf hundeeffamee beeksiiseera. Naannichaatti abbootii qabeenyaa 623 lafa invastimantii Qonnaa fudhatan keessaa lafa heektara kuma 45 ol abbootii qabeenyaa 381f wal irratti akka kennameef koreen kun mirkaneesseera Abbootiin qabeenyaa lafti wal irraatti kennameef Baankii Misoomaa fi ...

Read More »

Mootummaan Itoophiyaa Namoota kuma sagaalii ol mana hidhaatii akka gadi dhiisuu beeksiiseera.

Labsii yeroo hatattamaatinNamoota moora waraanaa shan keessatti hidhamanii turan keessaa 9800 akka gadi dhiifaman Ministirri Ittisaa fi barreesan Komand Poostii Siraaj Fargeessaa miidiyaalee biyyaa keessatti himaniiru. Namoonni kunniin wayita hidamanii turaniitti leenjii gahaa ijaarsa humnaa fi ilaalchaa waan kennameef nageenya biyyaatti mirkaneessuu keessatti gahee guddaa akka gumaachaan kan dubbatan qondaallii mootumma kun , Hidhamtoonni seeraan gaafatamuu qaban immoo seeraan ni ...

Read More »

Maalaawwiin baqqattoota lammiilee Itoophiyaa seeraan Alaa gara daangaa ishee seenaan gara biyyaatti deebisuu beeksistee jirti

Waggoota laman darban lakkofsi lammiileen Itoophiyaa seeraan alaa daangaa qaxxamuruun gara Maalaawwii seenaan dabalaa akka dhufee qondaltoonni biyyaatti sirna kabaja Guyyaa Baqattoota Addunyaa irratti himaniiru. Baqqattoota Itoophiyaa 100 ol manneen hidhaa keessa turan gara biyyaatti akka deebi’an taasfamuu isaanii gaazeexxan Maalaawwii Niyaasaa Laand jedhamu gabaaseera Dhaabbileen Maalaawwii Mirga namoomaaf falman baqqattoonni Itoophiyaa manneen hidhaa biyyaatti keessa jiran nyaata gahaa dhabuu ...

Read More »

Pirojektiin Buufata Doonii Lamuu Itoophiyaa fi Keeniyaan wajjiin misoomsuuf waliigalan hanqina baajeta muuddate jedhameera

Pirojektiin Buufata Doonii Lamuu Itoophiyaa fi Keeniyaan Wajjiin misoomsuuf waliigalteerra gahaan kun Afriikaa keessa isa gudddaa dha jedhameera. Pirojektii Buufata doonii Lamuu kun keeniyaatti argamaa. Pirojektii kana misoomsuuf biyyoonni laman waliigaltee mallatteesanis hanqina baajeta waan qunnameef hanga yaaddameen hojjatamaa akka jire gaazeexaan Keenyiyaa Zaa Staar(The Star) jedhamu gabaaseera. Minsittirri Muummee Itoophiyaa duraanii Mallaas Zeenaawii fi Pirizidantiin Keeniyaa duraanii Moyaayii Kibaakii ...

Read More »

Itoophiyaan Looltoota ishee dhunfaadhan Sumaaliyaatti bobbastee turte ji’a dhufu guutumaatti akka baastu beeksiiste.

Itoophiyaan Loltoota ishee dhuunfaan gara Sumaliiyaatti bobbaste muraasni filaannoo Pirizidaantummaa biyyaatti akka tumsaniif jecha akka turan dhaabbanni Televizhiinii Firaans 24 jedhamu qamoolee gara gara waabeffachuun gabaaseera Itoophiyaan akka lakkofsa wara faranjoota muddee 2006 jalqabee loltoonni ishee lakkofsi isaanii hin beekamne gara Sumulaayaatti bobbasuun ni beekama. Yeroo dhiyeenyaan booda garuu sababa adda addaa dhiyeessuun looltoota ishee baasaa jirti. looltoonni Ittophiyaa baay’een ...

Read More »

Naannoo Oromiyaatti Balaa hoongee haaraattii beelladoonni baay’een du’aa jiru.

Godinaalee Naannoo Oromiyaa balaa hoongeetiif saaxilamanitti beelladoonni baay’een du’aa akka jiran himameera. Ministeerri Qonnaa fi Qabeenya Umaammaa rakkoo kana furuu bakka biraatii bishaanii fi nyaata beelladoota dhiyeessaa akka jiru beeksiiseera. Balaa hongee godinaalee Oromiyaa, Affaar, Sumaalee fi Ummattoota kibbaa qaqqabee beelladoota miidhaa kan jiru yoo ta’u, yeroo muraasaan booda namoota naannoo sani jiraataan akka soodachisu himameera. Dhaabbaanni Mootummoota Gamtomaanii namoota ...

Read More »