Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti jirattoonni manni isaanii maqaa misoomaatiin jala diigame mootummaan waada nuuf gale hin kabajne jechuun komatan

Bulchiinsa magaala Finfinneetti, jiratoonni naannoo Amerikaan Gibbii jedhamuu beekamu jiiratan mannii isaanii maqaa misoomaattin jala akka diigamee himaniiru. Mootummaan lafa mana itti ijaaratn jijjiraan akka isaaniif kennuu waada galuus hanga ammaatti hojiirra oolchuu hin dandeenye jechuun komatan
Waraqaa ragaa abbaa qabeenyummaa isaanii mirkaaneessuu akka qaban Jiiratoonni kunniin himaniiru. Lafti mana irratti ijaaratan jijjiraan waan isaaniif hin kennamneef rakkoolee hawaasummaaf saaxilamusaanii dubbataniiru.
Jirattoonni kunnii sababa bulchiinsi magaala Finfinnee furmaata seera-qabeessa isaaniif hin kennineef ijoolleen isaanii barnoota hordofuu akka hin dandeenye himaniiru.
Bulchiinsa Magaala Finfinneetti, hoggantoonni kutaa magaalaa Aaraadaa gamasaniitiin, jiraattoonni waraqaa ragaa seeraa qabeessa qaban akka keessuummesafaman dubbataniiru. yaa ta’u malee jirattoota meeqaaf akka kennamee hin beekamne
Magaalaa Finfinneetti sagantaa misoomaaf jedhuun jirattoota lafa isaanii irraa akka ka’an murteeffamee fi hoggantoota gidduutti yeroo gara gara waliitti bu’insi uumaamee turee.
Waggaa darbee Kutaa bulchiinsa Magaalaa Laaftoo fi Booleetti maqaa ijaarsa seeraan alaa diiguu jedhuun mormii uumaameen lubbuun namoota baay’ee darbeera.
Mootummaan maqaa misoomaatiin manneen jiraattoota diiguuf bifaa haaraa duulaa akka jalqabe beekameera. Bulchiinsa magaala Finfinneetti jiraattoonni kuma 20 ol lafa mana jireenyaa isaanii irraa kaafamaniiru.
Kaayyoon Bulchiinsa magaala Finfiinnee gara magaaloota Godina addaa Oromiyaatti babal’isuuf karoorfame waan hin milkoofneef bulchiinsi magaalaatti lafa mana jireenya jiraattoota seeraan ala jechuun diiguu irratti xiyyeeffateera.

Kanumaan wal qabatee mootummaan itoophiya Kanaan dura mormii ummataatin akka hojii irraa hin oollee tasfamee ture Maaster plaanii magaala Finfinne deebisee hojii irraa olchuuf akka deemaa jiru dubbatama jira. Mootummaan wayyaanee dhimmaa Maaster plaanii sana fedhii ummataa malee hojii irraa olchuuf deema taanaan mormii cimaan akka dhalachuu danda’u dubbatamaa jirachun beekameera.