Itoophiyaan Looltoota ishee dhunfaadhan Sumaaliyaatti bobbastee turte ji’a dhufu guutumaatti akka baastu beeksiiste.

Itoophiyaan Loltoota ishee dhuunfaan gara Sumaliiyaatti bobbaste muraasni filaannoo Pirizidaantummaa biyyaatti akka tumsaniif jecha akka turan dhaabbanni Televizhiinii Firaans 24 jedhamu qamoolee gara gara waabeffachuun gabaaseera
Itoophiyaan akka lakkofsa wara faranjoota muddee 2006 jalqabee loltoonni ishee lakkofsi isaanii hin beekamne gara Sumulaayaatti bobbasuun ni beekama. Yeroo dhiyeenyaan booda garuu sababa adda addaa dhiyeessuun looltoota ishee baasaa jirti.
looltoonni Ittophiyaa baay’een hanga ammaatti kibbaa fi giddugalaa Sumaliiyaa gadi dhiisaanii bahaniiru. Yeroo ammaa garuu ,loltoonni Itoophiyaa 600 tti dhiyaatan Sumaliiyaa keessa akka jiran dhaabbaanni Televizhiinii kun gabaseera
Sumaliiyaatti filannoo Pirizidaantummaa xumura ji’aa kana filatamuun booda loltoonni Itoophiyaa hafanis akka biyyaatti gadi dhiisaanii bahan dhaabbatich gabaaseera.
Itoophiyaan gargaarsa biyyoota dhihaa irraa waan hin arganeef loltoota dhuunfaan gara sumaliiyaatti bobbaste baasuuf akka murteesite Ogeessooni nageenyaa naannoo gaanfa Afriikaa maqaan isaan akka hin dhayamne barbaadan dubbataniiru
Ajaajaan Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa Jeneraal Samooraa Yanuus biyyaattiin baasii looltoota ddhuunfaadhaan gara Sumaliiyaatti bobbasteef baastu yeroodha gara yerootti itti ulfaata waan dhufeef loltoota ishee baasuuf akka murtesitee beeksaaniiru.
Itoophiyaa hanqina sharafa biyyaa alaa akkasumas mormii ummaata teessumma mootummaa raasee wajjiin walqabatee loltoota ishee Sumaliiyaadha baastuuf Dirqamuu dandeesse jechuun xinxaltoonni siyaasa dhaabbatichaatti himaniiru.