Naannoo Gambeellatti dhaabbilee maqaa misoomaatiin lafa fudhatan keessa 29 bakki isaan jiran hin beekamu jedhameera.

Naannoo Gambeellaatti dhaabbilee maqaa Invastimantii qonnaatiin lafa fudhatna keessaa 29 eessaa akka jiran akka hin beekamne koreen haala kenninisa lafa fi rakkoo jiru akka qoratuuf hundeeffamee beeksiiseera.
Naannichaatti abbootii qabeenyaa 623 lafa invastimantii Qonnaa fudhatan keessaa lafa heektara kuma 45 ol abbootii qabeenyaa 381f wal irratti akka kennameef koreen kun mirkaneesseera
Abbootiin qabeenyaa lafti wal irraatti kennameef Baankii Misoomaa fi Daldalaa Itoophiyaa irra birrii biiliyoonaatti lakkawamu waan liqeeffataniif mootummaan kisaaraa keessa galeera.
Abbooti qabeenya kanniin keessaa 29 bakki jiran waan hin beekkamneef lafa hangamii akka fudhatanii hin beekamu jedhameera. Kana malees, ragaa gahaa waan jireef birrii meeqaa akka liiqeeffatan waan beekame hin jiru.
Naannoo Gambeellaatti lafa heektaara kuma 600 fi kuma 30n invastimantii qonnaaf akka kennamee himameera. Lafa Invastimantiif kennamee kana keessaa yeroo amma kan misoome dhibbeentaa 15 akka hin caalee koreen dhimmaa kana akka qulqulleessuuf wajjira Ministira Muummeettin hundeefame beeksiiseera
Kampaaniiwwaan Indiyaa dabalatee kan biroo baay’een lafa fudhachun akkasumas baankii misooma Itoophiyaa irraa biirii liiqeffachuun asi buuteen isaan akka dhabamee ni yaadatama
Gochaa Abbootii qabeenyaa kanan booda Mootummaa Itoophiyaa lafa liiziidhaan invastimantii qonnaaf kennuu fi liiqiin akka dhaabbatu murteesseera.
Liiqiin Baankii Misoomaa fi Daladala Itoophiyaa abbooti qabeenyaa Invastimantii qonnaa irratti bobba’aniif kennaan kaayyoo kaayyeeffameef irra akka hin oolee koreen kun beeksiiseera.
Abbootiin Qabeenyaa 200 ta’an Baankii misoomaa fi Baankiin Daldalaa Itoophiyaa irraa birrii Biiliyoona 5 liiqiin akka fudhatan koreen kun beeksiiseera