Naannoo Oromiyaatti Balaa hoongee haaraattii beelladoonni baay’een du’aa jiru.

Godinaalee Naannoo Oromiyaa balaa hoongeetiif saaxilamanitti beelladoonni baay’een du’aa akka jiran himameera. Ministeerri Qonnaa fi Qabeenya Umaammaa rakkoo kana furuu bakka biraatii bishaanii fi nyaata beelladoota dhiyeessaa akka jiru beeksiiseera.
Balaa hongee godinaalee Oromiyaa, Affaar, Sumaalee fi Ummattoota kibbaa qaqqabee beelladoota miidhaa kan jiru yoo ta’u, yeroo muraasaan booda namoota naannoo sani jiraataan akka soodachisu himameera.
Dhaabbaanni Mootummoota Gamtomaanii namoota hoongeedhaan miidhaman gargaaruuf waamicha dhiyeesseera. Bara kana namoonni miiliyoona jahaaf gargaarsi midhaan nyaataa akka barbaachisu dhaabbatich beeksiiseera.
Namoota gargaarsa midhaan nyaata barbaachisu miiliyoona jaha keessa daa’immaan kuma 300 ol hanqina midhaan nyaataatiin rakkoo qaamaa fi fayyaa isaan qunnamuu akka danda’u dhaabbatich beeksiiseera.
Balaa hongee waggaa tokkoon dura naannoole jaha miidhee tureen qondaltoonni mootummaa yeroodhaan waamicha gargaarsa hawaasa addunyaatiif waan hin dhiyeesineef komatamaa akka turan ni yaadatama
Dhaabbanni Mootummoota Gamtomaanii lubbuu namoota balaa hongeetiif saaxilamanii baraaruuf waamicha gargaaraa hawaasa addunyaatiif dhiyeesuus mootummaan Itoophiyaa garuu hanga amma waamicha gargaarsa akka hin dhiyeesine beekameera.
Itti-Aanaa Ministirrii Muummaa Obboo Dammaqaa Makonnoon gamasaniitiin balaan hongee kun osoo harka keenyaa keessa hin baane to’aannoo jala ni olchina jechuun dhiyeenya kana miidiyaalee biyyaa keessatti himanii turan.