Lammiileen Itoophiyaa biyyaa bahuuf yaalan to’aanno jala Ooluusaanii pooliisiin beeksiiseera.

lammiileen Itoophiyaa 105 konkolattoota fe’uumsaa lamaan gara naannoo Sumaaleettin biyyaa bahuuf yaalaan to’aannoo jala akka olchee pooliisiin naanniichaa beeksiiseera Lammiilee gara biyyaa alaatti baqachuuf osoo yaalaan to’aanno jala oolaan keessa 24 dubartoota jedhameera. Konkolachistoota namoota gara seeraan alaatiin biyyaa baasuuf yaalaan 2 keessa tokko to’aanno jala wayita qabamu tokkoo yeroof akka hin qabamne pooliisiin naanniichaa beeksiiseera. Lakkofsi lammiileen Itoophiyaa baqatan ...

Read More »

Gargaarsa meeshaa waaraanaa Amaayyaa Mootummaan Amerikaa hidhattoota Sooriyaatiif kennuuf karoorfate Raashaan mormite

Gargaarsi meeshaa waaraanaa amaayyaa Amerikaan hidhattoota Sooriiyaatiif kennuuf karoorfate nageenya loltoota ishee Sooriiyaa keessa jiraniif ni soodachisa jechuun Raashaan balaleeffattee jirti. Amerikaan hidhattoota mootummaa Bashaar Alasaad kuffisuuf qabsa’aniif Misaa’eelii Xiyyaara waaraanaa kuffisuu danda’uu fi meshaalee waaraanaa ammaayyaa biroo gargaarsaan kennuuf dhiyeenya murteesuun ishee ni yaadatama. Raashaan gama isheetiin, gargaarsi meeshaa waaraanaa amerikaan hidhattootaaf kennuuf karoorfate kun nageenya loltoota ishee Baashaar ...

Read More »

Hidhamtootaa siyaasa hunda mana hidhaatti akka gadi dhiifaman Dhaabbata Mootummoota Gamtomaniitti Ambasaddar Amerikaa waamicha dhiyeessan.

Hidhamtoonni siyaasa biyyoota gara gara keessatti hidhamanii jiran akka gadi dhiifamniif dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Ambasaddar Amerikaa duulaa jalqabuun isaanii ni yaadatama. Mootummaan Itoophiyaa hidhamtoota siyaasa hidhee jiru gadi dhiisuun mirga ummata biyyaatti heeraa mootummaatiin mirkana’ee akka kabaju gaafataniiru. Itti-aanaa duraa ta’aa Paartii kongraasii Federaliistii Oromoo erga mana isaanii Adaamaatii loltoota mootummaa Itoophiyaatiin qabamanii hidhamanii waggaa tokko akka ta’e beekameera. Dhaabbata ...

Read More »

Dhaabbanni Motummoota Gamtoomanii Yaada qoqqophii bittaa meeshaa waaraana sudaan kibbaa irra akka ka’aamuu dhiyaate irratti sagalee kennuuf

Yaadni qqqophii meeshaa waaraanaa sudaan kibbaa irra ka’uuf mootummaa Amerikaatiin dhiyaate kana Biiriteen fi Faransaayii deeggaraniiru. Yaa ta’u malee dhaabbaticha keessatti sagalee sagaleen kuffisuun aangoo kan qaban Chaayinaa fi Raashaan yaada qoqqophii bittaa meeshaa waaraanaa kana hambisuu danda’u jedhameera. Amerikaan qoqqophiin bittaa meeshaa waaraanaa kun biyyaatti keessatti nagaa amansiisa fiduuf akka gargaaru beeksiistee jirti. Biyyoonni biroo immoo tarkaniiffiin kun nagaa ...

Read More »

labsi yeroo hatattamaa sarbamuu mirga namoomaatiif gumaachaa akka jiru dhaabbanni Human right Watch Beeksiise

Labsiin yeroo hatattamaa mootummaan Itoophiyaa labse sarbamuu mirga namoomaatiif gumaacha dabalataa gumaachaa akka jiru dhaabbanni Human right Waach Beeksiseera. Yeroo ammaas sababa labsii kanaatiin namoonni baay’een hidhamaa akka jiran dhaabbatichi beeksiseera. Mootummaan namoota kuma 20 ol hiriira mormii waan bahaniif hidhe keessaa namoota gara kuma 10nitti dhiyaatan gadhiisuun oduu gaarii akka ta’e dhaabbatichi beeksiiseera. Gaaffiin ummaataa labsiin kun akka labsamuuf ...

Read More »

Atleet Miruuts Yifxar du’aan Addunyaa kanarraa boqate.

Atleetii beekamaan Ityoophiyaa kumaalaa Miruuts Yifxar dhalatee waggaa 72tti Kanaadaa Tooroontootti addunyaa kanarraa du’aan boqateera. Atleetii beekamaan kun ji’oottan darban rakkoo fayyaa isa mudateen Kanaadaa Toorontootti waldhanamaa kan ture yoo ta’u, mudde 14,2009 boqachuu isaa xalayaa gaddaa Federeeshiniin Atleetiksii Ityoophiyaa miidiyaalee Ispoortii biyya keessaaf ergerraa hubachuun danda’ameera. Atileet Miruuts waldorgomii bara 1964 magaalaa Muuniikitti qophaa’e fiigicha meetira kuma 10n dorgomuun ...

Read More »

Pirizedaantiin Gaambiyaa karaa nagaatiin yoo aangoo gad hin dhiisne humna waaraanaatti akka fayyadamu Jaarmiyaan Hawaasaa Diingdee Afriikaa Dhihaa beeksiise.

Filannoo Pirizedaantummaa akka lakkoofsa warra faranjootaa mudde 1 filatameen Pireezdaantiin Gaambiyaa Yayyaa Jaameeh morkataa isaaniitiin injifatamuun aangoo Pirizedantummaa waggoota 22f irra turan dhabaniiru. Waggoottan 22n darban biyyattii bulchaa kan turan pirizedant Jaameeh, tamsaasaa televizhinii biyya isaaniitiin Injifatamuu isaanii beeksisanii turan. Haa ta’u malee, foddaa televizhiinii biyyattiin injifatamuu isaanii beeksisanii yaada isaanii jijjiiruun bu’aa filaannichaa hin fudhadhu jechuun hawaasa addunyaa ajaa’ibsiisaniiru. ...

Read More »

Sirni Awalchaa ogeessa seeraa beekkamoo Obboo Tashoomaa Gabramaariyaam raawatameera

Sirni Awalcha ogeessaa seeraa beekkamoo obboo Tashoomaa Gabramaariyaam Bataskaanaa warraa Ortodksii Sillaassee Katederaaliitti raawwatameera. Obboo Tashoomaa Gabramaariyaam waggaa 86 tti tasa du’aan addunyaa kanarra boqatan. Obbo Tashoomaan bara Mootummaa Hayilasillaasee Abbaa Alangaa Waliigalaa akkasumas Ministiir Dee’eetaa Minsteera Albuudaa ta’uun hojjataniiru. Mootummaan Haayilasillaasee angoo irraa wayita bu’u qondaltoota mootummaa hidhaman keessa tokko turan. Obboo Tashoomaa waggoota saddeetiif erga hidhamanii gadii dhifamanii ...

Read More »

Itoophiyaa keessatti lakkofsi Gaazexxestoota yakkaa Shororkessuummaan himatamanii hidhamanii dabalaa dhufuun yaaddeessaa akka ta’e Dhaabbanni Mirga Gaazexxestootaaf Falmu beeksiiseera.

Manni Murtii Federaalaa murtiin yakka himaannaa shororkeessummaan Gaazexxestoota lama irratti murteessee Itoophiyaa keessatti gocha Ukkamsuu Gaazeexxestoota kan mul’isuu akka ta’ee dhaabbanni Committee to Protect Journalist(CPJ) jedhamu beeksiiseera. Itti-Aanaa Hogganaa dhaabbatichaa Robart Mahoonii tarkaniiffiin Gaazeexxeessa Kaaliid Mohammaad fi Darseemaa Soorii akkasumas gaazeexxestoota biraa irratti fudhatamu hatattaamaan dhaabbachuu akka qabu Mootummaa Itoophiyaatiif waamicha dhiyeessaniiru Manni murtii Federaalaa Gaazeexxestoota laman dabalatee namoonni 20 ...

Read More »

Lakkofsi Turistoota Itoophiyaa daawwatanii fi galiin damee kanarra argamu foyya’uu dhabuun akka isa yaaddeesse Ministeerri Aadaa fi Turiziimii beeksiiseera.

labsii yeroo hatattaamaa labsamee wajjiin wal qabatee lakkofsi turistoota Itoophiyaa daawwatanii baay’ee akka xiqqatee himameera. Ji’oota sadeen darban lakkofsi turistoota Itoophiyaa daawwatanii xiqqachaa akka dhufe qondaltoonni ministeera Aadaa fi Turiziimii miidiyaalee biyyaa keessatti himaniiru Bara darbe turistoonni biyyoota gara gara kuma 900 ol Itoophiyaa daawwataniiru. Turistoota waggaa darbee biyyaatti daawwataniirra galiin dolaarii biiliyoona sadii ol akka argamee Ministeeriich beeksiiseera. Haala ...

Read More »