Pirizedaantiin Gaambiyaa karaa nagaatiin yoo aangoo gad hin dhiisne humna waaraanaatti akka fayyadamu Jaarmiyaan Hawaasaa Diingdee Afriikaa Dhihaa beeksiise.

Filannoo Pirizedaantummaa akka lakkoofsa warra faranjootaa mudde 1 filatameen Pireezdaantiin Gaambiyaa Yayyaa Jaameeh morkataa isaaniitiin injifatamuun aangoo Pirizedantummaa waggoota 22f irra turan dhabaniiru.

Waggoottan 22n darban biyyattii bulchaa kan turan pirizedant Jaameeh, tamsaasaa televizhinii biyya isaaniitiin Injifatamuu isaanii beeksisanii turan.

Haa ta’u malee, foddaa televizhiinii biyyattiin injifatamuu isaanii beeksisanii yaada isaanii jijjiiruun bu’aa filaannichaa hin fudhadhu jechuun hawaasa addunyaa ajaa’ibsiisaniiru.

Hoggantoonni Jaarmiyaa biyyoota Dhiha Afriikaa fi biyyoonni Dhihaa pirizedaantii Yaayyaa Jaameeh kara nagaan aangoo waggoota 22f irra turan akka gadhiisan amansiisuuf yaalaa turaniiru.

Hojiin jaarsummaa kara nagaatiin aangoo akka gadhiisaniif yaalame kun waan hin milkoofneef hoggantoonni Dhiha Afriikaa tarkanfii humnaa fudhachuuf akka dirqaman beeksiisaniiru.

Biyyoonni Dhiha Afriikaa gama Jaarmiyaa isaanii Hawaasa Diingdee Afriikaa Dhihaa (ECOWAS) jedhamuun Pirizedaant Yaayyaa Jameeh Pirizedantii haaraa uummata Gambiiyaatiin filataman Addaam Baaroowuutiif Amajjii 18,2017 aangoo pirizedantummaa kan hin kennine yoo ta’e, humna waaraanaa akka fayyadaman beeksiisaniiru.

Pirizedaant Jaameeh aangoo pirizedaantummaa irra turuuf kan murteessan yoo ta’e, fedhii Uummata Gaambiiyaa guutuuf jecha Loltoota Senegaalitti akka fayyadaman Dura Taa,aan Jaarmiyaa Hawaasa Diingdee Afriikaa Dhihaa beeksiisaniru.

Tarkanfiin humnaa kan fudhatamuuf aangoo Pirizedantummaa filannoo kan injifatan Addaam Baaroowuutiif kara nagaatiin dabarsanii kennuuf akka ta’e himaniiru.

Fedhii Uummataa guutuuf jecha loltoonni Senegaal dhimma Gaambiyaa keessa seenuun dhimmicha akka tasgabeessan qondaalli kun dubbataniiru.

Pirizedant Jaameeh bu’aa filannoo fudhatanii aangoo kara nagaatiin kan gad hin dhiisne yoo ta’e, loltoonni Senegaal qophiirra akka jiran dura ta’aan Jaarmiyaa Hawaasa Diingdee Afriikaa Dhihaa Marseel Aleeyiin beeksisuusaanii BBCn gabaaseera.