Itoophiyaa keessatti lakkofsi Gaazexxestoota yakkaa Shororkessuummaan himatamanii hidhamanii dabalaa dhufuun yaaddeessaa akka ta’e Dhaabbanni Mirga Gaazexxestootaaf Falmu beeksiiseera.

Manni Murtii Federaalaa murtiin yakka himaannaa shororkeessummaan Gaazexxestoota lama irratti murteessee Itoophiyaa keessatti gocha Ukkamsuu Gaazeexxestoota kan mul’isuu akka ta’ee dhaabbanni Committee to Protect Journalist(CPJ) jedhamu beeksiiseera.
Itti-Aanaa Hogganaa dhaabbatichaa Robart Mahoonii tarkaniiffiin Gaazeexxeessa Kaaliid Mohammaad fi Darseemaa Soorii akkasumas gaazeexxestoota biraa irratti fudhatamu hatattaamaan dhaabbachuu akka qabu Mootummaa Itoophiyaatiif waamicha dhiyeessaniiru
Manni murtii Federaalaa Gaazeexxestoota laman dabalatee namoonni 20 himannaa Shororkessummaa itti himatamaniin yakka raawwataniiru jechuun torbee dhufuu adabbii itti murteessuuf beellameera.
Gaazeexeestoonni laman waggaa tokko dura hidhaman qopheestoota Raadiyoo Bilaal akka turan ni yaadatama. Abbaan Alangaa Federaalaa Gaazexxestoonni laman hawasaa Musliimaa dayeeffachuun yaada amantii irra adda ta’e tamsaasaa turan jechuun himateera.
Himatamtoota 18 biroo wajjiin himannaa mootummaa humnaan fonqolchuuf jedhuun kan himataman Gaazeexxestoonni laman yeroo ammaa gaazeexxestoota biroo 16 wajjiin mana hidhaa mootummaa Itoophiyaa keessa jiru.
Dhaabbaanni mirga gaazeexxestootaf falmu gabaasa bara 2016 ilaalchiisee baaseen Itoophiyaan biyyoota gaazeexxestoota hidhuun addunyaa irratti beekaman 5 keessa tokko ta’u ishee gabaaseera.
Dhaabbileen mirgaa namoomaa sadarkaa Addunyaatti falmanii fi dhaabbileen mirgaa Gaazeexxestootaf falman Itoophiyaan miidiyaalee yaada kutaalee hawaasaa adda addaa keessumeessaniif mijaatu akka hin taane beeksiisaniiru.
Itoophiyaa keessatti yeroo amma gaazeexxestoonni maqaa shororkeessummaan waggaa baay’een itti murta’ee hidhamanii fi murtii tokko malee mana hidhamanii akka jiran ni beekama.
Manii Murtii Federaalaa Gaazexxestoota laman dabalatee namoota 18 isaan wajjiin himatanirraatti murteessuuf torbee dhufutti murteesseera.