Hidhamtootaa siyaasa hunda mana hidhaatti akka gadi dhiifaman Dhaabbata Mootummoota Gamtomaniitti Ambasaddar Amerikaa waamicha dhiyeessan.

Hidhamtoonni siyaasa biyyoota gara gara keessatti hidhamanii jiran akka gadi dhiifamniif dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Ambasaddar Amerikaa duulaa jalqabuun isaanii ni yaadatama.
Mootummaan Itoophiyaa hidhamtoota siyaasa hidhee jiru gadi dhiisuun mirga ummata biyyaatti heeraa mootummaatiin mirkana’ee akka kabaju gaafataniiru.
Itti-aanaa duraa ta’aa Paartii kongraasii Federaliistii Oromoo erga mana isaanii Adaamaatii loltoota mootummaa Itoophiyaatiin qabamanii hidhamanii waggaa tokko akka ta’e beekameera.
Dhaabbata Mootummoota gamtoomaniitti Ambasaddar Amerika hidhamtoota siyaasa gadi yaa dhiifama jedhanii duulaa jalaqabaniif keessa Obboo Baqqalaa Garbaa ni argamu.
Mootummaan Itoophiyaa mormiin ummata Oromoo waan itti cimeef obboo baqqalaa Garbaa fa’aatuu ummata mormiif kakasa jechuun waggaa tokkoon dura mana jireenya isaanii magaalaa Adaamaatti argamu qabee hidhuun ni yaadatama.
Mootummaan Itoophiyaa namoota ilaalcha addaa qabanii fi imammaata isaa hin deeggaree maqaa yakka shororkeessummaa jedhuun ragaa qabatamaa malee hidhee daraaraa. Obboo Baqqalaa Garbaa fi miseensoota koree hojii raawwachistuu paartii isaanii maqaa kana kenneef gara mana murtiitti deddebisuun waggaa tokko guutuu murtii malee mana hidhaatti daraaraa jira.