Dhaabbanni Motummoota Gamtoomanii Yaada qoqqophii bittaa meeshaa waaraana sudaan kibbaa irra akka ka’aamuu dhiyaate irratti sagalee kennuuf

Yaadni qqqophii meeshaa waaraanaa sudaan kibbaa irra ka’uuf mootummaa Amerikaatiin dhiyaate kana Biiriteen fi Faransaayii deeggaraniiru. Yaa ta’u malee dhaabbaticha keessatti sagalee sagaleen kuffisuun aangoo kan qaban Chaayinaa fi Raashaan yaada qoqqophii bittaa meeshaa waaraanaa kana hambisuu danda’u jedhameera.
Amerikaan qoqqophiin bittaa meeshaa waaraanaa kun biyyaatti keessatti nagaa amansiisa fiduuf akka gargaaru beeksiistee jirti. Biyyoonni biroo immoo tarkaniiffiin kun nagaa hin fiduu jechuun mormaa jiru.
Itoophiyaa dabalatee biyyoonni gaanfa Afriikaa mootummaafi gareen riphee loltoota waliigalteerraa akka gahaniif yaalaniis milkaa’uu hin dandeenyee. Gareewwaan Lamaan erga waliigaltee nageenyaa mallaatteessanii booda walii himachuun gara waaraanaatti galaniiru.
Pirizedant Saal Baakiirii fi Ittii-aanaa pirizedaantii kan turanii fi hogganaa garee riphe loltoota Reek Maachaar walii galuu waan hin dandeenyeef Reek Maachaar yeroo ammaa gara Afriikaa kibbaatti baqataniiru.
Barreessaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Baan -Kimuun Sudaan kibbaa irratti qoqqophiin bittaa meeshaa waaraanaa hatattaamaan kan hin kaa’aamne yoo ta’e goch sanyii duguuggaa raawwatamuu danda’a jechuun akeekkachisaaniiru.
Sudaan Kibbaa Mootummaa Itoophiyaa irraa meeshaa waaraanaa adda adda bitaa akka jirtuu ragaa argadhee jechuun gaazeexxaan biyyaatti tokko gabaasuun isaa ni yaadatama.