Obboo Baqqalaa Garbaa Ol-Iyyaannoo Mirga Wabii Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti dhiyeeffatan

Manni murtii olaanoo Federaalaa itti-aanaa hogganaa Kongiraas Federalaawa Oromoo obboo Baqqalaa Garbaa yakka Shorokeessummaa galmee obboo Gurmeessaa Ayyaannoo jalatti ittin himatamanirra bilisa tasisee yakkaa idileen akka himataman kan murteesse ta’uun isaa waan yaadatamudha.
yakki idilee kun immoo mirgaa wabii kan dhoorkachiisu waan hintaaneef Haaluma kanan obboo Baqqalaa Garbaa Mirgii wabii akka isaaniif kabajamu kara abukatoo isaaniin mana murticha gaafatan turan.
Haata’u malee Abbaan Alangaa federaalaa gaffii mirga wabii obboo Baqqalaa Garbaa kana sababa mana hidhaatu yoo bahan biyyaa bahuu danda’u, akkasumas namoota yakkaaf kakaasun danda’u jedhu dhiyeessun mormeera.
Manni Murtii olaanoo Federaalaas mirga wabii obboo Baqqalaa Garbaa gaafatan dhoorkachun himannaa isaanii mana hidhaa keessa turun akka hordofan murteessuun ni yaadatama.
Abukatooni Obboo Baqqalaa Garbaa mirgi wabii mana murtii gadii aanaatti dhorkataman kun isaanii akka kabajamuuf mana Murtii waliigalaa Federaalaatti ol-iyyaannoo dhiyyeeffataniiru.
Obboo Baqqalaa Garbaa kanan duraas biyyaa alaa deemaanii waan deebi’aniif qabxiin mormii biyyaa yoo bahan hin deebi’an jedhu fudhatama hin qabu jechun abukatoon isaanii mana murtichaatti himaniiru.
Qabxiin mormii mirga wabiin yoo bahan yakka namoota kakaasu raawwachu malu jedhu immoo ragaan kan deeggarame waan hin taaneef mirga wabii akka hin dhoorkachiisne abukatoon obboo Baqqalaa mana murtichaatti himaniiru.
Abbaan Alangaa Federaalaa gamasatiin, ol-iyyaannoo mirga wabii obboo Baqqalaa Garbaa ammas akka mormu beeksiseera.
Manni Murtiichas mormii kana sakkata’ee ol- iyyaannoo mirgaa wabii irratti murtii kennuuf akka lakkofsa Itoophiyaa onkololeessa 20 bara 2010ti beellameera.
Bifuma walffakkatuun manni Murtii Waliigalaa ol-iyyaannoo obboo Yoonataan Tasfaayee sababa abbaan alangaa hojii diree bahe jedhameef akka hin dhaggeeffannee himameera.
Hogganaan Komunikeshiinii Paartii Samayaawwii duraanii obboo Yoonataan Tasfaayee miidiyaalee haawasummaa irratti waan bareessaniif yakka shororkeessumman himatamanii hidhaa waggaa jaha fi ji’a jaha adabamaniiru.
Manni murtii waliigalaa Federaalaa ol-iyyaannoo Obboo Yoonataan ilaaluf beellama qabee ture.
Garuu sababa abbaan alangaa dhimma Obboo Yoonataan Taasifayee ilaalchisee deebii kennuuf qopha’e hojiif direee bahe jedhameef onkololeessaa 24 bara 2010ti beellamameera.
Sababni Abbaa Alangaa quubsaa waan hin taanee ol-iyyaannoon isaanii akka ilaallamu abukatoon obboo Yoonataan mana murtichaa akka gaafatan himameee
Manni murtichaa gamasatiin, sababni abbaa alangaa gaha ta’uu baatuus, beellamni yeroo tokko kennamuuf qaba jechun onkololeessa 24 bara 2010ti beellameera.
Obboo Yoonataan Tasfaayee miidiyaalee hawaasummaa irratti yaada ofii waan ibsataniif qofa yakka shororkeessummaan himatamun adabiin hidhaa waggaa 6 fi ji’a jahaa isaanitti murta’ee mana hidhaa Baatuutti hidhaman akka jiran kan yaadatamudha.