Godina Buunoo Beddelleetti hiriiri mormii gara jeequmsatti jijjiiramun lubbuu namoota galafateera.

Naannoo Oromiyaa Godina Buunoo Beddellee aanaalee Deeggaa fi Coorraa keessatti hiriiri mormii tibba darbe ture gara jeequmsaatti jijjiiramun namooni baay’een qe’ee isaniirra akka buqqa’anii fi qabeenya heddu akka barbada’uu gochuusa, akkasumas lubbuu namoota 10 olii galafachuun isaa himameera .
Hiriira Mormii tikooni mootummaa waayyaannee gara jeequmsaatti jijjiiruun saba Oromoo fi Amaaraa waggaata hedduu jalaala fi tokkummaan wajjiin jiraacha ture walitti buusuun jibbaa uumuuf yaalaaniiru.
Shiri tikooni waayyaannee saba Oromoo fi Amaaraa walitti buusuuf xaxan kun godinaalee Oromiyaa adda addaa keessatti milka’uuf baatuus,godina Buunoo Beddeelleetti lubbuun lammiilee saboota lamaan akka baduuf taasiseera.
Godina Buunoo Beddeellee aanaa Coorraa fi Deeggaatti Shira tikooni waayyaannee ummattoota obbolaa Oromoo fi Amaaraa gidduutti uumaaniin lubbuu namoota 10 ol darbuusa himameera
Miidiyaaleen waayyaannee hiriira jeequmsa kana walitti bu’iinsa ummataa Oromoo fi Amaaraa fakkeessuun jeequmsi akka hin tasgaboofne ittu gara lola sabaa fi sablamootatti jijjiiruf yaalaa turaniiru
Miidiyaaleen waayyaannee kunniin hiriira mormii waggoota lamaa oliif guutuu Oromiyaa keessatti gaggeeffama ture akka hin gaabasne kan yaadatamudha.
Hiriira mormii bifa haaraa yeroo dhihoo asi Oromiyaa keessatti gaggeeffamu garuu yoomii fi eessatti akka gaggeeffamu durasanii oduu sobaa gabaasun shira waayyaannee fixan baasuuf tattaafacha jiru.
Miidiyaalee kunniin ummanni Oromoo kuma hedduu naannoo Sumaaleeti wayita buqa’uu fi badii tokko malee ajjeeffamu osoo hin gaabasne amma garuu oduu sobaa ummata Amaaraa fi Oromoo waliitti buusuu tamsaasun shira xaxame ifaatti mul’isaniiru
Tikooni waayyaannee Ummataa Oromoo fi Sumaalee jalaala fi tokkummaa malee jibbaa fi gargarummaa hin beekne walitti buusuuf yaalaa bturaniiru
Gochi hamaan gara bahaa biyyaattin yaalaa turan waan jala fashala’eef amma immoo gara dhiha Oromiyaa naanna’uun Ummataa Oromoo fi Amaaraa waliiti buusuun aangoorra turuuf tattaafacha jiru.
Rakkoon nageenya aanaalee lamaan jiraattoota aanaalee, pooliisiin Oromiyaa fi jaarsoliin biyyaa gutumaan gutuutti waan to’aatameef yeroo ammaa tasgabba’uusa gabaafameera.
Lammiilee 1500 sababa jeequmsa kanan qe’ee isaniirra baqatanii bakka adda addaatti da’eeffatanii jiran gara qe’ee isaaniitti deebisuuf hojjatamaa akka jiru himameera.
Namooni baay’een jeequmsa uumuun lubbuu namaa fi qabeenyarra badiin akka gahu gumaachan jedhamanii shakkaman Pooliisii Oromiyaan to’aanno jala oolfamanii qoratamaa akka jiran himameera.
Hiriiri mormii fi deeggarsa godinaalee Oromiyaa keessatti yeroo ammaa gaggeeffamu kamuu bu’aa isaarra miidhaan waan caaluuf dargaggoon Oromoo shira diinaa kana hubachun hiriira akka hin baane waamichi dhiyaateera.
Qabsoo injiffannoo gama hundaan argama jiru itti fufsisuuf qeerroon oromiyaa shira tikoota waayyaannee hubachun gocha sabaa fi sabalamoota waliitti buusaan hunda to’aachuu akka qaban gaafatamaniiru.