Raayyaan Ittisa Biyyaa Naannoo Oromiyaa keessatti Namoota Baay’ee Ajjeessaa jira

Raayyaan Ittisa Biyyaa naannoo Oromiyaa keessatti gara jabeenyaa fi jibbaan guddaan namoota nagaa baay’ee ajjeessuun mormii ummataa kaasaa jira. Naannoo Oromiyaa keessatti namoonni nagaa 30 ol tarkaaniiffii jibbaa fi gara jabeenya raayyaan Ittisa biyyaa fudhateen wayita ajjeeffaman 37 ol akka madaa’aan gabaafameera. Loltoonni Agaazii dhalattoota waayyaanneen hogganaman magaala Ambootti namoota nagaa addaa fi Onnee isaanii rasaasaan dhahuun akka ajjeessan himameera ...

Read More »

Dolaariin Ameriikaa karaa seeraan alaatiin Itoophiyaa bahu dabalaa jira jedhame

Mootummaan Itoophiyaa tarkaniiffi humna bittaa birrii dhibbeenta 15 hir’isuu erga fidhate booda lakkofsi namoota dhuunfaa dolaariin Amerikaa karaa seeraan alaan biyyaa baasuuf yaalaan dabaluusa himameera. Guyyoota 15 qofa keessatti namoonni dhuunfaa baay’een dolaarii Amerikaa karaa seeraan alaan haala gurma’eefi qoratameen biyyaa baasuuf yaalusaanii qondaalli Abbaa Taayitaa Gumuruukii fi Galiiwwaan Biyyaatti tokko himaniiru Namoonni dhuunfaa kunniin gara buufata Xiyyaaraatiin maallaqaa dabalatee ...

Read More »

Haali Siyaasa Yeroo ammaa Itoophiyaa keessa jiru tokkummaa biyyaattiif ni sodaachisa jedhame.

Rakkoon Siya asa yeroo amma jiru biyyaatti gara sadarkaa addaan bittinneesutti akka hin ceenee miseensi parlaamaa Gamataa Awurooppaa sodaa qaban dubbatan. Miseensi Parlaamaa Gamtaa Awurooppaa Aanaa Goomash ESATitti akka himanitti, walitti bu’iinsi biyyaatti keessa jiruu fi kallaattiin mootummaan waayyaannee hordofaa jiru furmaata hatattamaa barbaada. Amerikaa fi Awurooppaan fedhii dimokiraasii lammiileen Itoophiyaa gara maddiitti dhiisuun maqaa duula farra shororkeessummaan jedhun mootummaa ...

Read More »

Sirni Awalcha dargaggoota Oromoo gaafa kamisaa magaala Ambootti loltoota Agaaziin wareegamanii raawwatame.

Dargaggoonni Oromoo sirni awlachaa isaanii gaafa jimaata rawwatame kunniin dhirra 7 shamaree tokko waliigalatti dargaggoota saddeet ta’uun beekameera. Jirattoonni Magaalaa Amboo fi naannoo ishee kumatamatti lakkawamna xiiqii guddaa fi dhadannoodhan dargaggoota wareegaman isaanii loltoota agaaziin ajjeeffaman akka awaalan beekameera. Bu’aan qabsoo dargaggoota Oromoo magaala Amboo ammaa fi kana dura yeroo adda addaa loltoota Agaaziin wareeggamanii bilisummaa ta’uu akka qabu qeerroon ...

Read More »

Artistoonni Oromoo Tokkummaan amma argame kun cimee akka itti fufuuf gahee isaanii akka gumaachan gaafataman.

Artistoonni Oromoo haala yeroo biyyaatti ilaalchisuun Pirezedaantii Bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa Obboo Lammaa Magarsaa fi qondaltoota naanniicha biroo wajjiin mari’atan. Artiistin Oromoo hawaasa kakasuu , dadammaqsuu tokkummaan ummata Oromoo yeroo ammaa qabsoon argame cimee akka itti fufu gochun gahee isaanii akka gumaachan gaafatamaniiru Arstistoonni qabsoon ummanni Oromoo jalqabe karaa sirrii,waldhageeffachuu fi walgorfachuun akkasumas tokkuummaan argame kun gara dubaatti akka hin ...

Read More »

Godina Iluu- Abbaa-Booraatti Warshaa baala Shaayii Gumaroo gaaffii Qeerroon fi jirattoonni naanniichaa gaafacha turaniif deebii kenneera .

Warshaan baala Shaayii Gumaroo Godina Iluu- Abbaa- Booraa keessatti waggoota 70 dura akka hundeeffame ni himama. Warshaan kun umirii waggaa 70 iirra gahuus komii Bulchiinsaa fi Misoomaa hawaasni naanniichaa keessattu gama dargaggoota Iluuf carraa hojiin uumuun bu’aan buuse akka hin jire ragaalee mul’isaniiru Warshichi umiriin isaa jaaraa tokko guuta kan jiru ta’uus, akka umurii isaa jaarsoota biyyaa fi dargaggoo naannicha ...

Read More »

Wajjiiralee Mootummaa Federaalaaf Bajeenni Dabalataa bara kana akka hin ramadamneeef himame

Ministeerri Maallaqaa fi walta’iinsa Diinagdee wajjiiraalee mootummaa bajeennii ramadamuuf wajjiin mari’achuun bara kana bajeenni dabalataa ramadamu tokkolee akka hin jire itti himeera, Mootummaa Federaalaa bara 2010 bajeeta birrii biiliyoona 300 fi biiliyoona 21 kan ramade yoo ta’u, wajjiiraleen mootummaa federaalaa baajeta ramadameef qusannaan akka itti fayyadaman ministeerich hubachiiseera Ministeeri Maallaqaa fi Walta’iinsa Diingdee dhimmaa bajeeta ilaalchisuun Ministiroota,Pirezedantoota Yuunivarsitiwwaanii fi hoggantoota ...

Read More »

Loltoonni Mootummaa Waayyaannee jirattoota magaala Amboo irratti dhukaasa banuun lubbuu namoota heddu galafataniiru.

Hiriira Mormii fi sakkata’iinsa konkolattoota shukkaara Fincawaadha fe’aanii gara finfinneeti imala turan irratti magaala Amboo fi Gudariitti taasifame lubbuu namoota akka darbuuf sababa ta’eera. Jirattoonni magaalaa Amboo fi naannowashe akkuma kutaalee biyyaatti biroo hanqinaa fi qaala’iinsa gatii irraa kan ka’ee Shukkaara kiiloo tokko birrii 70 hanga 80 bitaa akka jiran himaniiru. Rakkoon hanqina shukkaara ummata naannoo sana keessaa osoo jiru ...

Read More »

Walitti bu’iinsi Daangaa irratti uumamee rakkoo Kontirobaandii fi Daldalaa Seeraan alaa akka ta’e ministirri muummee obboo Haaylamaariyaam Dassaleeny himan.

Ministirri muummee Haayilamariyaam Dassaleeny, Walitti bu’iinsi daangaa Oromiyaa fi naannoo Soomaalee rakkoo kiraa sassaabdummaa fi daladala kontirobaaandii akka ta’e miseensoota mana marii mootummaa isaaniti himaniiru. Daldalli Jimaa fi Maallaqa Dolaarii Seeraan alaa naanneessuun walitti bu’iinsa daangaa Oromiyaa fi naannoo Sumaaleetiif sababa akka ta’e muumichi ministeera ibsanii// Waliitti Bu’iinsa daangaa Oromiyaa fi naannoo Sumaalee lammiilee kuma hedduu qe’ee fi qabeenya isaaniirra ...

Read More »

Ministirri Dhimmoota Komunikeshiinii mootummaa miidiyaalee ummata walitti buusuuf yaalaanirratti tarkaniiffii seeraa akka fudhatamu himuun yaada dhuunfaa isaanii akka ta’e Hogganaan Abbaa Taayita Broodkaastii Itoophiyaa dubbataniiru.

Rakkoo nageenya Godina Buunnoo Bedellaatti uumamee wajjiin walqabatee gabaasa sobaa miidiyaaleen ENN fi Zaamii F.M jedhaman tamsaasan turan ilaalchisuun, minisrtirri wajjiira dhimmoota Komunikeshiinii Mootummaa Doktor Nagaarii Leencoo miidiyaalee oduu sobaan ummata walitti buusuuf yaalan irratti tarkaniiffiin seeraa akka fudhatamu tibbaana beeksisaniiru. Hogganaan Abbaa Taayitaa Birood kaastii Itoophiyaa obboo Zaraay Asgedoom Ibsi Dr Nagarii leencoo seeraa irratti hunda’udhaan midiyaalee oduu sobaa ...

Read More »