Mormii amma gaggeeffamaa jiru godina Arsii lixaatti dabalataan Harargee bahaa fi aanaalee shawaa bahaa jalatti argaman keessatti cimee itti fufuun himamaa jira. Mormiin kun , Oromoonii mana hidhaa jiran akka gad dhiifaman, ajjechaa fi dararaan akka dhaabbatuu karaa nagaatin kan gaafatu yemuu ta’u biiroon dhimmoota Koomunukeeshinii Mootummaa naannoo Oromiyaa mormii kana duuba humnoota farra nageenyaatu jira jechuudhan mormii kana to’annoo ...
Read More »AFAAN OROMO Text
Gamtaan Afriikaa sababa hanqina baajataa isa mudateen humna naga kabachiisaa Soomaliyaatti keessatti alshababiin lolaa jiru bara 2020 tti akka biyyattii keessaa baasuuf jedhu ibsi gamtichi gidduu kana baase ni mul’isa.
Gamtaan Afriikaa kamisa kana akka beeksisetti waggoottan afuran dhufan keesssatti loltoota isaa Soomaliyaa keessa jiran kuma 22 ta’an hunda baasuu, hojii nageenya biyyattii eeguu loltoota biyyattiif dhiisu beeksisee jira. Akka karoora kanaatti Amisom loltoota isaa Soomaliyaa dha baasu kan eegalu bara 2018 tti yemmuu ta’u, suuta suuta dirqama naga kabachiisummaa biyyatti raayya biyyaaleessaa Mootummaa Soomaliyaaf akka kennaa deemu ibseera. Murtiin ...
Read More »Yeroo Ummanni Itoophiyaa miliyoonaan lakka’aman beelaan rakkachaa jiran kanatti hawwaasni addunyaa dhimmoota xixiqoo irratti xiyyeeffatee raknichaa akkaa layyooti ilaalin isaa sirri akka hin taane, ergamaan dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Pirezdantiin Ayerland duraanii Meerii Robinson qeeqa dhiheessan.
Meerii Robinson akka miidiyaaleef himanitti, yeroo ammaa kana ummanni addunyaa kan irratti dubabchaa jiru dhimmoota xixxiqoo irratti waan ta’eef beela Itoophiyaa hubaa jiruuf xiyyeeffannoo hin kennine jechuun dubbatan. Dhaabbiilee saba himaalee dabalatee hawwaasni addunyaa dhimma murtii ummata Ingliz, dhimma baqattoota gara Awuroophaatti godaananii fi jeequmsa guutuu aduunyaa irratti raawwatu qofaa yemmuu dubbatan akka dhaga’amu kan himan Meerii Roobiinson beela Itoophiyaatti ...
Read More »Mootummaan Sudaan akka beeksisetti, lakkoosi lammiilee Itoophiyaa Sudaan irra ka’uun Egypt fi Liibiyaa keessa qaxxamuruun gara Awuroophaatti baqachaa jiranii akka dabale beeksiseera.
Hoogganaan Humna dafee qaqabaa Sudaan akka beeksietti, ji’a darbe qofaa baqatoonni 300 hedduun isaanii lammiilee Itoophiyaa ta’an daangaa Sudaan fi Liibiyaa irratti to’anno jala akka oolan dubbatan. Baayyinni baqattoota dabaluu irra kan ka’e Mootummaan Sudaan gammoojjiiwwan kutaa biyyatti kaabaa gara dhihaa jiran irratti duula to’anno banuu beeksisaniiru. Daangaan Sudaan fi Liibiyaan wal daangeessan gama kaabaatiin duula to’anno gaggeefamaa jiru hordofuun ...
Read More »Mootummaa Israa’el Jiwiishota Itoophiyaa yookiin falashota 9000 akkaa gara israa’eliti fudhachuu barbaadu beeksiseera.
Itoophiyaa dabalatee biyyoota afrikaa 4 daawwachaa kan turan Ministirri Muummee Israa’el Beenjaamiin Neetaanaahuu daawwaannaa isanii Itoophiyaa keessaati, Jiwiishota Itoophiyaa keessaati hafaniiru jedhaman 9000ti lakka’aman firottan isaanii biyyaa Israa’el jiran waliin makuu akkaa barbaadan beeksisanii jiru. Beenjaamiin Neetaanaahuu ibsa kennaaniin, yoom akka raawwatu yoo himuu baatanis, yeroo gabaabaa keessatti lammiilee Itoophiyaa hidda Israa’el qaban akka biyyatti deebisan dubbachuun dhimoota wal fakkaata ...
Read More »Barsiisonni Motummaa Ihadegiif amanamoo dha jedhaman filatamanii akka qormaata sadarkaa lammaaffaa kutaa 12 kennaniif akka qophaa’ee jiran beekame.
Ji’a tokkoon dura qormaannii barattoota kutaa 12ffaa dhaabbiilee barnoota ol aanoof qopheessaa jedhamee miliqee eegaa bahee booda, qormaata haara qophessuuf kan dirqame Ministeerri barnoota Itoophiyaa qormaata haara qophaa’e kana barsiisota sirnichaaf ni amanamu jedhamaniin kennuuf qophii irra akka jiru beekame. Guutuu biyyattii keessaa bifa of eeggannoo qabuun kan filataman barsiisonni waxabajjii 28 bara 2008 magaala Finfinnee kan seenan yemmuu ta’u, ...
Read More »Hordoftonni Amantaa Islaamaa Oromiyaa ayyaana Sooma hiikaa dhengaddaa kabajatan irratti dhiittaa mirgaa fi ajjechaa Oromiyaa keessatti raawwachaa jiru morman.
Odeeffannoon adda addaa akka ibseti , Naannoo Oromiyaa Harargee bahaa Magaalaa Awwaday fi Godina Arsiitti xumura kabaja ayyaana Sanaa booda ummanni Mormii Mootummaa irratti qabu ibsateera. Arsii Lixaa magaalaa Asaasaatti poolisoota fi qondaaltoota Mootummaa to’anaaf dhufan ofirraa ari’uun kan kabajatan yemmuu ta’u, Magaalaa Doddolaattis ummanni qaama biraa hin barbaannuu jechuun ofiif wardiyaa waliif dhaabbaate kabajatee jira. Ummanni Magaalaa Kofalees sirna ...
Read More »Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Laftootti duula mana seeraan ala jedhaman diiguu Mootummaan fudhatameen namoonni 200 ol ta’an akka hidhaman beekame.
Jiraattonni Magaalaa Finfineen akka himanitti, manneen jireenyaa isaannii akeekachiisaa tokko malee akka diigamaa jiru fi humnoonni nageenya magaalattii ummmata walitti qabee tumuu fi hidhaa akka turan miidiyaaleef himaniiru. Hidhatoonii mootummaa Namoota Poolisoota lama fi bulchiinsa kutaa magaalaatti ajjeessaniiru jedhamanii shakkaman barbaaduuf yemmuu socho’anitti namoota dhimmicha waliin hidhata hin qabne dararaa akka turan jiraartoota wabeeffachuun miidiyaaleen dhuunfaa biyyatti gabaasaniiru. Bulchiinsi Magalaa ...
Read More »Lamiileen itoophiyaa Godina Gondor kaabaa naannoo Matammaa jiraatan hidhatoota mootummaa sudaanii wajjin waliti bu’anii egaa sudaanota 5 ajeesanii buuddee ,mootummaan sudaan qondaala isa tokkoo gara itoophiyyaati ergeera.
Akkaa oduun madda oduu biyyootan lamman irraa bahee ibsutii , Ministirrii dhimma alaa Itoophiyaa Tewodiroos Adhaanoom fi Ministirri Mootummaa Sudaan Kamaal Ismaa’il gaafa facaasa finfinneetti wal arganii marii godhaniiru. Waxabajjii 25 bara 2008 Gondor Kaabaa aanaa Armaacooho gammoojjii Sinaanaa keessatti loltoota Sudaan lafa qonnaan bultoota Itoophiyaa fudhachuuf socho’an irratti qonnaan bultooni Itoophiyaa dhukaasa bananiin loltoota shan ajjeessuni isaani fi lamiin ...
Read More »Itoophiyaan utuu mirga dhala namaa sarbituu fi Mootummaa abbaa irree taatee jirtuu, Waxabajjii 28 bara 2016 waggoota lamaan dhufaniif miseensa dhaabbii hin taane kan Mana Marii Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota gamtoomanii ta’uun filatamuun dogongora akka ta’e dhaabi mirga namaaf falmu Human rights watch beeksiseera.
Itoophiyaan mirga dhala namaa sarbuu fi sgalee bilisaa ukkamsuun Mootummota abbaa irree addunyaa kanaa irra tokko taate utuu hin jirtuu, miseensa mana marii nageenyaa sadarkaa addunyaatti beekamaa ta’uun addunyaan garamitti akka deemaa jirtu kan agarsiisuu akka ta’e mul’isa. Ji’oota torba darban qofaa Mooormii Oromiyaa keessatti ka’een daa’immaan fi dubartiin ulfaa utuu hin hafin, namoonni 400 ol humnoota nageenyaan gara laafina ...
Read More »